Magaalaa Jimmaatti Balaan Abiddaa ga’e

85

Ebla 17/2011 Magaalaa Jimmaatti bakka faranjii Araadaa jedhamutti balaa abiddaa ga’een namaa fi qabeenya irratti miidhaa ga’uu isaa Poolisiin beeksise.

Itti gaafatamaan diviiziyoona komunikeeshinii qajeelchaa Poolisii magaalichaa  Inispeektar Gazzaany Awugaachoo akka ibsanitti balaan kun kan mudate kaleessa galgala naannoo sa’atii 12:30 restoraantii Meelaat jedhamuti.

Balaan kun akka hin babal’anneef namoota gargaarsa taasisaa turan sadii irratti miidhaa salphaan ga’uun hoospitaala Jimmaatti yaalamanii gara mana isaaniitti deebi’aniiru.

Balaa kanaan suuqonni daldalaa 5 fi dhaabbanni mootummaa tokko guutummaa guutuutti kan gubatan yoo ta’u, manneen 11 irratti balaa gam-tokkeen ga’uu isaa Inispeektar Gazzaanyi beeksisaniiru.

Daandii xayyaara Itiyoophiyaatti ittisa balaa abiddaa buufata xayyaaraa Abbaajifaar, ittisa balaa abiddaa magaalaa Jimmaa, qaamni nageenyaa fi jiraattonni naannichaa gargaarsa taasisaniin abiddichi utuu hin babal’atiin to’atameera.

Ka’umsi balaa kanaa fi hangi qabeenya gubatee qoratamaa akka jiru Insipeektar Gazzaanyi ibsaniiru.

Kanatti aansuun qophii ayyaanaan wal qabatee balaan abiddaa akka hin uumamneef ummanni ofeeggannoo gochuu akka qabu ergaa isaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015