Minsteerri Indastiriifi dhaabbileen itti waamantoota isaa jala jiran Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa birrii miliyoona 16 taasisan

84

Fulbaana 23/2015(TOI) - Minsteerri Indastiriifi dhaabbileen itti waamantoota isaa jala jiran Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa birrii miliyoona 16 taasisan.

Deeggarsi kunis maallaqaafi waantoota adda addaati jedhameera.

Deeggarsicha Ministirri Indastirii Malaakuu Aleebal deetaa ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwiijiitti dabarsanii kennaniiru.

Ministirichi yeroo kana akka himanitti hoggantoonniifi hojjetoonni Minsteerichaafi dhaabbilee itti waamamtoota isaa ta'anii deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban agarsiisuu deeggarsa kana taasisuu himaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsa barbaachisu taasisuun cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhaan deetaan ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwiijii deggarsa kanaaf galateeffataniiru.

Uummanni Itoophiyaa hundi Rayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisaa jiruuf deeggarsa barbaachisu akka taasisuun gahee isaa akka bahu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015