Pirezidaantiin Kiim Joong Uun Fi Pirezidaantiin Vilaadmiir Puutiin Yeroo Calqabaaf Walgahan

54

Finfinnee Ebla 17/2011 Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun fi Pirezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin yeroo calqabaaf walgahan.

Qondaaltonni lameen kan walgahan magaalaa Viiladvoostook Baha Raashiyaatti argamtu keessatti jedhameera. 

Kiimii fi Puutiin  akkaataa dachee Kooriyaa nuukleeraa irraa bilisa gochuun itti danda’amu irratti ni mari’atus jedhameera.   

Dabalataanis Kiim Joong Uun mariin isaan dhimma nuukleeraa irratti Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin godhan milkaa’uu dhabuun walqabatee, Kiim Pirezidaantii Raashiyaa irraa deeggarsa gaaffachuus ni danda’u jedhameera.  

Kiim kaleessa yemmuu Raashiyaa galan qondaaltota biyyattiin simannaan hoo’aan godhameefii ture.  

Kiim ibsa miidiyaalee biyyattiif kennaniin " Daawwiin kiyya bu’aa qabeessa fi faayidaa qabeesssa ta’a jedheen abdii qaba " jedhaniiru.  

Dhimma nuukleeraa cinaattis dabalataan hariiroo Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa gama hundaan cimsuuf Pirezidaant Puutiin waliin marii akka taasisanis Pirezidaant Kiim dubbataniiru.

Maddi; ‘BBC’

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015