Miseensonni Garee Shororkeessaa Ayyaaneffannaa Dirreerratti Jeequmsa Uumuuf Turan 166 To’annaa Jala Oolan

306

Fulbaana 23/ 2015 (TOI)- Miseensonni garee shororkeessaa ayyaaneffannaa dirreerratti jeequmsa uumuudhaan biyyi rakkinarra akka buutu daba xaxaa turan 166 to’annaa jala ooluunsaanii ibsame.

Shakkamtoonni sirna Damaraa Masqalaa akkasumas ayyaana Irreechaa Finfinneefi Bishooftuutti kabajamerratti gocha shororkeessuummaa raawwachuudhaan biyyi rakkinarra akka buutu dhoksaan daba xaxaa turan to’annaa jala oolanii qoratamaa akka jiran humni waloo nageenyaa beeksiseera.

Humni Waloo kun ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti, gareewwan shororkeessaa kunneen Ayyaaneffannaa baatii Fulbaanaa dirreerratti kabajamanirratti jeequmsa uumuudhaan gara jeequmsa biyyaatti akka cehu dhoksaan daba xaxaa truraniiru.

Haata’u malee humni waloo nageenyaa ayyaaneffannaan kunneen nagaan akka xumuraman qophii cimaa taasisee hordoffii taasisaa tureen daba kana fashaleesseera.

Haala kanaan miseensonni ABUT, shanee, Ayi. Es  akkasumas caasaa al idilee to’annaa jala oolaniiru.

Miseensonni garee shororkeessaa kunneen sirna damaraa Masqalaa akkasumas bakka ayyaanni Irreechaa itti kabajamu Finfinneefi Bishooftuutti ergama fudhatanii dhoksaan socho’aa akka turan humni waloo kun eereera.

Keessumaa shororkeessaan Shanee seelii gocha shororkaa raawwatuufi garee namoota ajjeesuufi abbaa Torbee jedhamee waamamu bobbaasuuf yaalii taasisaa akka ture himameera.

Ergama kana bahachuuf garee shororkeessaa ABUT waliin qindaa’uun dhiheessii loojistiiksii mijeessuudhaan qophii taasisaa turuusaa himeera.

Humni Waloo kun hordoffii gareelee shororkeessaafi sochii dhoksaafi walquunnamtii namoota dhuunfaa iccitiin hordofaa turee jeequmsaaf kan oolu meeshaalee gareefi dhuunfaa, dhuka’aa, boombiifi rasaasa hedduu qabuusaa ibseera.

Ragaaleen sanadii shakkamtoonni kunneen garee shororkeessaa Ayi. Esi waliin akka hojjetaniifi shororkeessaa ABUT irraa ergama fudhachuun socho’an agarsiisan argamuunis ibsameera.

Akka ibsa kanaatti, qaamoleen nageenyaa hundi halkaniifi guyyaa hojjechuun ergamasaanii ba’achuusaaniitiin, akkasumas hirmaannaan ummataa cimaa ta’uusaatiin gochi shororkeessaa yaadame fashalaa’eera.

Ayyaanonni bara haaraatti dirreerratti kabajaman ibsituu duudhaa Itiyoophiyaanotaa, qabeenya waloo, kanneen tuuristoonni irratti argaman waan ta’aniif ni tikfamu malee ajandaa farra nageenyaa biyya keessaafi alaa raawwachiisuuf hin oolan jedheera ibsi kun.

yyaanichi nageenyi kan keessatti mul’ate akka ta’u hirmaannaa olaanaa hawaasni taasise humni waloo kun galateeffateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015