Dhaabbileen gareen shororkeessaa ABUT barbadeessee ture birrii miliyoona 150 deebifamanii ijaaraman.

59

Fulbaana 23/2015(TOI) - Magaaloota Baha Amahaaraatti argaman 7tti dhaabbilee tajaajila hawaasummaa laataan kan gareen shororkeessaa ABUT barbadeessee ture birrii miliyoona 150 deebifamanii ijaraman.

Ministira Magaalaafi Bu'uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaafi naannoo dhaabbilee deebifamanii ijaaraman kanneen eebbisuufi daawwachuuf magaalaa Kombolchaa jiru.

Qindeessaan deebisanii ijaaruu dhaabbilee kanneenii obbo Biraanuu Musee akka TOItti himanitti, dhaabbileen deebifamanii ijaaraman kunneen manneen barnootaa 8, dhaabbilee tajaajilaa bakka tokkootti laatanii 7fi Buufata fayyaa 3dha.Dhaabbileen deebifamanii ijaaraman kun Magaalaa Kombolchaa, Kamisee, Shawaa Roobiit, Dasee, Waldayaa, Laallibalaafi Saqoxaatti kanneen argamanidha jedhaniiru.

Hojiin dhaabbilee kanneen deebisanii ijaaru baatii 4 qofa kan fudhate yoo ta'uu ijaarsa dhaabbilee misoomaa biroofis muuxannoon kan irraa argameedha jedhaniiru.

Magaalaa Kombolchaatti dhaabbilee garee shororkeessaa ABUTiiin manca'aan keessaa manni barnootaa tokkoofi tajaajjillii jiddugala bakka tokkoo tokko birrii miliyoona 15'n Seeftineetii magaalootaan ijaaramanii tajaajilaaf gahuu kantiibaan magaalaa Kombolchaa obbo Mahaammad Amiin Yuusuuf himaniiru.

Addee Caaltuu Saaniifi hoggantoonni biroon daawwannaa isaaniin booda jiraatoota magaalaa Dasee waliin ni mariyatu jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015