Irreechi Ayyaana Tokkummaa Dhalli Namaa Qabu Dinqisiifachaa Uumaasaaf Galata Itti Galchudha – Muummee Ministiraa Doktor Abiyyi Ahmad

129

Fulbaana 20/2015 (TOI) Irreechi ayyaana tokkummaafi waliin jireenya dhalli namaa dinqisiifachaa uumaasaaf galata itti galchu ayyaana guddaa ta’uusaa muummeen ministiraa Abiyyi Ahmad ibsan.

Muummee ministiraa Abiyyi baga ayyaana Irreechaa geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Abbaa sirna Gadaa kan taate kabajamaa ummata Oromoo, kabajamoo Ummattoota Itiyoophiyaa hunda dura baga dukkana gannaa baatanii booqaa birraa argitan, baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Rakkoolee uumamaafi nam tolchee akkasumas balaa xiqqaafi guddaa diinonni keenya nurratti uaggaaman dabarsee ifa kan nu agarsiise uumaan keenya haa galatoomu jedhaniiru.

Oromoon akkaataa duudhaa sirna gadaarraa dhaaleen ganni darbee birraan yoo bari’u uumaasaa akka galateeffatu ibsanii, dukkana gannaa dabarsitee, midhaan biqilchitee, oyiruu miidhagsitee ifa birraa waan nu argisiifteef galanni si haa ga’u jedhee akka galateeffatu ibsaniiru.

Ibsituu hawwii gaarii kan ta’e marga jiidhaa qabatee “Maree hoo!--- maree hoo! Jechaa gara malkaa deemuudhaan sirna Irreechaa akka raawwatu himaniiru.

Oromoon Irreechi waltajjii nageenyaa ta’uusaafi marga jiidhaa qabachuun gara malkaa osoo hin deemiin dura gaaffilee sadii deebisuu akka qabu eeraniiru.

Gaaffilee abbootii Gadaa walii keessaniin nagaadhaa? Uumaaf nagaadhaa? Uumamaaf nagaadhaa? Jedhaniif deebii kennuu akka ta’e ibsaniiru.

Ayyaaneffattoonnis marga jiidhaa malkaa osoo hin tuqiin nagaadha jedhee deebii kennuu qaba, kana booda margaa jiidhaan malkaa tuqaa Maree hoo! Maree hoo! Jedhee uumaasaa galateeffata.

Waan kana ta’eef namni Irreecha beeku haaloo dhiisee nageenya lallaba, tokkummaafi nageenya, obbolummaafi wajjin ta’uu cimsa.

Kennaa guddaa uumaarraa argateef beekamtii kenna,tokkummaa uumamaan jiru dinqisiifachaa uumaasaaf galata galcha.

Uumaan Irreecha uume namarraa galata argata, namni ammoo marga jiidhaa uumaan kenneef qabatee uumama dinqisiifata, uumaa galateeffata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015