Yaa’iin Hariiroo Invastimantii Itiyoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa Cimsuuf yaadame Adeemsifame

87

Fulbaana 20/ 2015 (TOI) Yaa’iin daldalaafi invastimantii hariiroo Itiyoophiyaafi Kooriyaa Kibbaa jidduu jiru cimsuuf yaadame Kooriyaa Kibbaa magaalaa Busaanitti adeemsifameera.

Yaa’iin Embaasii Itiyoophiyaa Kooriyaa Kibbaa akkasumas waldaa  daldalaa Koriyaa-Itiyoophiyaatiin qophaa’e kun hariiroo invastimantii biyyoota lamaanii cimsuurra darbee hariiroo daldalaa ijaaruuf kan yaadamedha.

Itiyoophiyaatti Invastimantii huccuu irratti kan bobba’e kaampaaniin Kooriyaa Kibbaa Shintes Itiipii jedhamu milkaa’inasaaf haala mijataa invastimantii biyyattii ta’uunsaa akka fakkeenyaatti dhiheesseera.

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa kanneen biroos haala mijataa invastimantii Itiyoophiyaa keessa jiru akka fayyadaman eerameera.

Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee yaa’ii kanarratti akka jedhanitti, biyyoota lamaan jidduu hariiroon cimaan jiraachuu yaadatanii, hariiroon kun gara invastimantii olaanaatti cehuu qaba jedhaniiru.

Itti aanaan komishinaraa komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Daani’eel Tarreessaa gamasaaniitiin carraalee daldalaafi invastimantii Itiyoophiyaan qabdu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Riifoormiin biyyattiitti taasifame damee kanaaf haala mijataa uumuusaa ibsanii, abbootii qabeenyaa Itiyoophiyaatti Invasti gochuu barbaadan deeggaruuf mootummaan kutannoo akka qabu dubbataniiru.

Yaa’ii daldalaafi invastimantii kana cinaatti abbootii qabeenyaa Kooriyaa kibbaa Itiyoophiyaatti invasti gochuu barbaadan waliin mari’atamaeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015