Miseensonni Garee Shororkeessaa To’annaa Jala Oolan

204

Fulbaana 20/2015  (TOI)  Miseensonni garee shororkeessaa yakka ajjeechaafi saamichaa raawwachaa turan to’annaa gala oolchuusaa taaskfoorsiin waloo nageenyaafi tasgabbii ibse.

Shakkamtoonni kunneen ergama shororkeessummaa fudhachuudhaan ajjeechaa nama 3, nama 1 yaalii ajjeechaa, meeshaan doorsisuun saamicha namoota  46, irratti raawwataniiru jedhamuun shakkamanii to’annaa jala oolaniiru.

Miseensonni Shanee shororkeessaa ABUT waliin qindaa’uun daandiiwwan Finfinnee, Mojoo, Baatuu, Shaashamannee, Tulluuboolloo, Walisoo, Buttaajiraafi Walqixxee  geessurratti garee afuriin ijaaramanii uffannaa qaama nageenyaa uffachuudhaan meeshaatti fayyadamuun konkolaataa dhaabsisanii yakka ajjeechaafi saamichaa raawwachaa turan jedhamuun kan shakkaman,

  1. Abdallaa Kadiir
  2. Boonaa Ayyaanoo
  3. Taarikuu Siirbaa
  4. Qaasim Gammachuu
  5. Diittaa Kaashee
  6. Mahaammad Adam
  7. Caalaa Wandimmuufi
  8. Jamaal Kadiir

Konkolaataa raayid jedhamu maallaqa baay’een kontiraata fudhatanii gara magaaalaa naannolee dhaquun sababa addaddaatiin erga dhiisifatanii booda halkan gara Finfinnee haa deemnu jechuun utuu deemaa jiranii bakka dukkanaa’u yemmuu ga’an dhaabsisuudhaan waraananii ajjeesanii yakka suukaneessaa raawwachuusaanii  amananii akkaataafi iddoo itti raawwatan garee qorattootaaf agarsiisaniiru.

Gareewwan shororkeessitootaa shaneefi ABUT biyya diiguuf dabni hojjechaa turan milkaa’uufii dinnaan garee ajjeechaafi saamichaa Finfinneefi magaalaawwan birootti bobbaasuudhaan shororkaafi waraana magaalaa keessatti uumuuf socho’aa akka turan taaskifoorsiin kun bira ga’eera.

Kanneen hojii shororkeessummaa raawwatan kunneen hordoffii taaskifoorsiifi odeeffannoo ummatarraa argameen to’annaa jala oolchuusaa ibsee, Finfinneefi magaalaawwan biroon gocha wal fakkaaturraa ittisuufi yakki yoo raawwatame shakkamtoota to’annaa jala oolchuun cimee akka itti fufu beekiseera.

Shakkamtuun Harariifi Dirreedawaatti garee shororkeessaa shanee dhoksaan gurmeessaa kan turte hooggantuun olaantuu garee kanaa Caaltuu Mahaammad/Jaal Boontuu Gumii/ Keeniyaa bakka Solooloo jedhamutti leenjii loltummaafi dabballee garee kanatti akka makamte ibsameera.

Shakkamtuun kun hoogganaa olaanaa garee shororkeessaa shanee jaal Gammachuu Abbooyyee waliin wal argaa dargaggoota filachuudhaan gara mana leenjii Soloolootti erguun garee kanatti akka makamtu taasisaa turteetti.

Bara 2010 irraa kaasee gocha shororkeessummaa raawwachaa kan turte shakkamtuun kun, oppireeshinii dhiheenya taasifameen magaalaa Dirreedawaa miiltoowwanshee 13 fi sanadoota addaddaa waliin to’annaa jala ooluushee taaskifoorsiin kun ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015