Milkaa’inni Itiyoophiyaan Ashaaraa Magariisaatiin Galmeessisaa Jirtu Galma Misoomaashee Dhogoomsuuf Kan Dandeessisudha-Hayyoota

113

Fulbaana 19/ 2015 (TOI) Milkaa’inni Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaatiin galmeessisaa jirtu galma misoomaa egeree qabatte dhugoomsuuf kan dandeessisu ta’uu hayyoonni ibsan.

Yuunivarsiitiiwwan Finfinnee, Osloofi Maalaawii biyyoonni addaddaa galma misoomaasaanii milkeessuuf carraaqqii taasisaniifi gufuu isaan mudate ilaalchisee Finfinneetti mari’ataniiru.

Hayyoonni Yuunivarsiitiiwwan kanneeniifi bakka bu’oonni Itiyoophiyaatti embaasii Noorweeyi irraa kan bakka bu’an marii kanarratti hirmaataniiru.

Biyyoonni galma misoomaa isaanii milkeessuuf hojii hojjetaniifi gufuu isaan mudachaa jiru ilaalchisee barreeffamni dhihaatee irratti mari’atameera.

Biyyoonni Afriikaa galma misoomaa isaanii egeree milkeessuuf hojii misoomaa hojjetan keessatti damee human haaromfamuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban mari’atameera.

Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qorataa kan ta’an Piroofeesar Taganyi G/Igzaabiheer, galmoota misoomaa egeree milkeessuuf mariin hayyootaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Gama kanaan milkaa’inni Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaatiin galmeessisaa jirtu galma misoomaashee dhugoomsuuf  kan dandeessisu kallatti sirrii irra jiraachuushee dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti gorsituun dame barnootaa embaasii Noorweeyi Jaanii Beete Muler, hariiroo Noorweeyi Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuudhaan dameewwan addaddaarratti waliin hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Gama bulchiinsa gaarii, damee dhuunfaa, eegumsaa fi deeggarsa  mirga namoomaa akkasumas gama damee misoomaatiin waggaa waggaan doolaara miiliyoona 85 kennaa akka jirtu eeraniiru.

Itiyoophiyaan galma misoomashee akka dhugoomsitu Noorweeyi hojii qorannaafi qu’annaoo dhaabbilee  barmootaa Itiyoophiyaa deeggaraa akka jirtu dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Oslootti hayyuun saayinsii siyaasaa Piroofeeser Daan Baaniik, biyyoonni akka Itiyoophiyaa galma misoomasaanii dhugoomsuuf  misooma anniisaa jalqaban itti fufsiisuu qabu jedhaniiru.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa guddachaa jiran hojiiwwan misoomaa hojjechaa jiran keessatti anniisaa haaromu babal’isuu akka qaban ibsaniiru.

Kanaafis anniisaa hayidiroo, qilleensaafi human aduu irraa argamuun  misooma isaanii guddisuu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015