Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa Walitti qabaa Nageenya Seeneetii Ameerikaa Waliin Mari’atan

65

Fulbaana 19/2015(TOI) – Ameerikaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaa walitti qabaa dhimmoota nageenya seeneetii Ameerikaa Maark Worner waliin haala yeroorratti mari’atan.

Ambaasaaddar Silashii walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessa jiru, hariiroo gam lamee biyyoota lamaaniifi ga’ee diyaasporaan misoomarratti qabu ilaalchisuun seenaater Waarner waliin mari’ataniiru.

Seenaater Mark Waarner akka lakkoofsa wurooppaatti bara 2008 irraa kaasee seenaatara ta’uun tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, A.l.A Amajjii 2021 irraa kaasee walitti qabaa koree dhimmoota nageenyaa Seeneetii ta’anii hojjechaa jiru.


Haaluma wal fakkaatuun Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaa diyaaspooraa biyyattii keessa jiraatan 200 ol ta’an waliin marii bu’a qabeessa taasianiiru.


Mariin kunis hariiroo Ameerikaafi Itiyoophiyaa gama cimsuutiin, Itiyoophiyaa gama deeggaruutiin akkasumas hojii misoomaatiin shoora ba’aa jiru kan ilaallatu ta’uu himaniiru.

Miseensonni hawaasa diyaasporaa Itiyoophiyaa Ameerikaa jiraatan deeggarsa guddina biyyasaaniif taasisaa jiraniif ambaasaaddar Silashiin galateeffatanii, deeggarsasaanii akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015