Baazaariifi Egzibiishiniin Irreechaa Guyyoota Afuriif Turu Magaalaa Finfinneetti Baname

76

Fulbaana 18/2015/TOI/- Ayyaana Irreechaa Sanbataafi Dilbata dhufu kabajamu sababeeffachuun baazaariifi egzibiishiniin Irreechaa Kantiibaa Adaanech Abeebeetiin har’a Banameera.

Kantiibaa Adaanech wayita kanatti akka jedhanitti magaalaan Finfinnee mallattoo hedduminaafi obbolummaa ta’uushee dubbataniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee ayyaanota amantaafi aadaa waliin kabajuudhaan tokkummaasaanii caalaatti cimsachaa akka jiran eeraniiru.

Irreechi nagaa, obbolummaafi galateeffannaa waan ta’eef karaa tokkummaafi obbolummaa cimsuun kabajuun akka barbaachisu himaniiru.

Kantiibaa itti aanaa magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi gamasaaniitiin, duudhaaleefi aadaan hedduu Itiyoophiyaan qabdu ibsituu waliin jireenya keenyaa akka ta’e dubbataniiru.

Qabeenyi kanneen eeguudhaan dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatama nurratti gatame akka ta’es eeraniiru.

Uffanaan aadaa addaddaa Baazaariifi Egzibiishinii kanarratti kan dhihaatan yoo ta’u, magaalaa Finfinnee aanaa hundarratti banamuusaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015