Meeshaalee Addaddaa Birrii Miiliyoona Tuqaa 5tti tilmaamamu Qabuusaa Qajeelchi Poolisii Samaraa-Loogiyaa Beeksise

86

Fulbaana 18/2015 /TOI/ Qajeelchi poolisii Samaraa-Loogiyaa Meeshaalee addaddaa Shororkeessaa ABUTf dabarfamuuf ture biirrii miiliyoona 1 tuqaa 5tti tilmaamamu qabuusaa beeksise.

Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii magaalichaa Komaandar Biil’ii  Ahmad akka ibsanitti, hojii idileesaatiin alatti meeshaalee kaayyoo shororkeessaa ABUTf oolan to’achuudhaan ummata hirmaachisuu hojjechaa jira.

Kanaafis karaa magaalaa ittiin seenaniifi ba’an irratti keellaawwan dhaabuudhaan halkaniifi guyyaa to’atamaa akka jiru himaniiru.

Haala kanaan guyyoota sadan darban meeshaalee addaddaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 5tti tilmaamaman Samaraa irraa gara godina Kiilbeetti- Rasuu geessu keellaarratti qabuusaanii ibsaniiru.

Meeshaaleen qabamanis baba’aan akka keessatti argamu himameera.

Jarikaaniin duwwaa beenzilii ittiin qabachuuf oolan kuma sadii ol gara  magaalaa Diich oottootti dabarsuuf osoo yaalamu qabameera.

Kanuma waliin namoonni 4 to’annaa seeraa jala oolanii qorannaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015