Qamadii Biyya alaatti Erguuf Karoorri Qabame Akka Milkaahu Hojjachaa Jiraachuu Intarpiraayizichi Beeksise

95

Fulbaana 18/2015/TOI/-Hanqina sanyii filatamaa qonnaan bulaa biratti mul’atu furuun cinaatti ‘innisheetiivii’n mootummaan qamadii biyya alaatti erguuf qabate akka milkaahu hojjachaa jiraachuu intarpiraayiziin sanyii filatamaa oromiyaatti dameen Baalee hime.

Intarpiraayizichi hujii sanyii baay’isuu idileen hojjatuun cinaatti tajaajila hawaasaa keessattis gahee isaa bahaachaa jiraachuus ibsee jira.

Intarpiraayizichatti hoji geeggessaan damee Baalee obboo Caalaa Abbabaa akka jedhanitti intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bulaa biratti mul’atu xiqqeessuuf xiyyeefannoon hojjachaa jira.

Bara oomishaa 2014/15 keessattis lafa heektaara kuma 17 ol irratti sanyiilee akaakuu gara garaa baay’isaa jiraachuus himan.

Obbo Caalaan akka jedhanitti lafa intarpiraayizichaa qonnaalee torba jalatti misoomaa jiran kanarraa sanyii kuntaala miiliyoona walakkaa ol argachuuf karoorfamus eeran.

Intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bulaa biratti mul'atu furuun cinaatti inisheetiivii mootummaan qamadii biyya alaatti yeroo jalqabaaf erguuf milkeessuuf kuntaala kuma 100 tahu sadarkaa isaaniitti qopheessuuf hojjatamaa jiraachuus himan.

Intarpiraayizichatti dameen Baalee sanyii baay’isuun cinaatti dubartoota harka qalleeyyii naannoo qonnaalee damee isaanii jiraniif deeggarsi sanyii filatamaaf xaa’oo dabalatee paakeejii gutuu deeggaruun itti gaafatama hawaasummaa ofii bahachaa jiras jedhan.

Dargaggoonni hujii sanyii baay’isuu keessatti qophii lafaa irraa kaasanii sassaabbii oomishaaf, qulquleessuuf raabsuu keessatti qooda fudhachuun carraa hujii akka argatan taasisuun walitti hidhamiinsa uumameen bu’aa birrii miiliyoona 34 tahu bara dabre keessa akka argatan himan.

Intarpiraayiziin sanyii qofa baay’isu osoo hin taane yeroo hawaasa rakkoon mudate hundaa cinaa jira kan jedhan obboo Caalaan rakkoo hoongee godinaalee Boorana ,Gujiif Baalee Bahaa mudate deeggarsa birrii miiliyoona 10 caalu taasisuun dhaabbata aantummaa ummata isaatiif qabu qabatamaan mirkaneesse tahuus dubbatan.

Intarpiraayizichatti qindeessituun dhimma koorniyaa aaddee Mahdiyyaa Ahmad gama isaaniitiin akka jedhanitti intarpiraayizichi hojii hojjat hunda keessatti dhimmi koorniyaa akka idilaahuuf xiyyeefannoon hojjchaa jira jedhan.

Keessattuu dubartoonni harka qalleeyyiin naannoo qonnaalee intarpiraayizichaa jiran 50 tahaniif birrii kuma 200,000 baasii godhuun deeggarsa sanyii filatamaa,xaa’oo argachuun paakeejii guutuun ooyruu isaanii facaafatanii akka of jijjiiraniif carraaqqiin taasifamaa jirus agarsiiftuu kanaati jedhan.

Dubatrtoota kanniiniif deeggarsi gorsaaf ogummaa ogeessota qonnaa intarpiraayizichaatiin taasifamaafii jirus cehumsi teeknooloojii akka jiraatfiis tumsaa jiraachuu himan.

Intarpiraayizichi barattoonni maatii harka qalleeyyii 117 tahan sababa dhabaa barnootaan ala akka hin taaneef meeshaalee barnootaa dabtaraaf qalama akka argatan taasifamuun qaama tajaajila hawaasaa damee intarpiraayizichaa tahuus eeran.

Intarpiraayizichi daa’imman dhiiga isaanii keessa dhibeen Hiv/AIDS jiru 26 tahaniif dhaabbii dhaan deeggarsa mallaqaa kan taasisu tahuu eeruun kurmaana kanaaf deeggarsa birrii kuma 34  taasisfaamufis akeekan.

Yeroo ammaattis dubartoota harka qalleeyyii 50 tahaniif baasii tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaatiif isaan barbaachisu deeggaruun tajaajila fayyaa akka argatan taasisuuf hujii qabatamaa hojjachaa jiraachuus himan.

Jiraattonni naannoolee qonna  intarpiraayizichaa gama isaaniitiin deeggarsa hunda galeessa taasifameefitti hedduu gammaduun galateeffatanii jiru.

Intarpiraayiziin sanyii filatamaa oromiyaa damee Baalee qonnaalee heeraroo,hunxee,billittoo siraaroo,roobeef sinaanaa heektaara kuma 17 tahu irratti sanyiilee akaakuu gara garaa baay’isaa jiraachu ragaan intarpiraayizichaa ni mul’isa.

Maddi:TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015