Gabaasichi fayidaa ABUT eeguufiifi jiddu seentummaa biyyoonni lixaa Afrikaa bahaatti qaban itti fufsiisuu kan kaayyeeffatedha - Hayyoota.

97

Fulbaana 18/2015(TOI) - Gabaasaan Komishinichaa maqaa mirgoota namoomaan fayidaa itti fufinsaa qabu ABUT eeguufiifi kaayyoo jiddu seentummaa biyyoonni lixaa Afrikaa bahaatti qaban itti fufsiisuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan hayyoonni Yuunivarsiitii Dillaa.

Akka hayyoonnii Yuunivarsiitii Dillaa TOI dubbise himanitti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti gareen ogeeyyii Komishiiniin mirgoota namoomaa dhiheenya kan baasan gabaasa fayidaa ABUT eeguuf baheefi jiddu seentummaa biyyoonni lixaa afrikaa bahaatti qaban itti fufsiisuurratti kan xiyyeeffatedha jedhaniiru.

Gabaasichi yaalii Itoophiyaan karaa nagaan rakkicha furuuf taasisaa jirtu ilaalcha keessa kan hin galchinee gabaasaa loogiin guutamedha jedhaniiru.

Gabaasaan ogeeyyiin kunneen baasaan garee shororkeessaa ABUT looguun cinaatti gabaasaa Dhaabbata Mootummoota Gamatoomaniitti komishiiniin mirgoota namoomaa waggaa 1 dura Komishiinii mirga namoomaa Itoophiyaa waliin hojjete kan fudhatama dhoowwate ta'uu himaniiru.

Dhaabbatichas ta'ee Komishiiniichi mirga biyyoota miseensota isaanii walqixa ija tokkoon ilaaluuf dirqaminni kan irra jiru ta'us dhiibbaa biyyoota deeggarsa guddaa taasisaniifii jalaatti kan kufan ta'uun waantoota raawwatamanirraa hubachuun ni danda'ama jedhaniiru.

Kanaaf gabaasaan ogeeyyiin komishiinii mirgoota namoomaa Idil addunyaa dhiheenya baasaan fayidaa ABUT dhaabbiin eegsisuufi kayyoo biyyoota lixaafi Ameerikaa Afrikaa bahaarratti qaban galmaan gahuuf yaadamee kan baheedha jedhaniiru.

Dhiibbaa humnoonni alaa uumaan bifa itti fufinsa qabuun furuuf dinagdee biyyaa guddisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Keessaa wabii midhaan nyaataan of danda'uuf dursa kennamee hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015