Lafti Asiidawaan Yoo Yaalame Dhibbantaa 71 Oomishtummaa Akka Dabalu Ibsame

107

Fulbaana 18/2015/TOI/- Lafti Asiidawaan yoo yaalame oomoshtummaa dhibbantaa 71 ol akka dabalu ministeerri qonnaa beeksise.

Waltajjiin biyyaalessaa seektaroota dhuunfaa itti hirmaatan muuxannoon dhiheessiifi tamsaasni nooraa qonnaa irratti mari’atu magaalaa Adaamaatti Adeemsifamaa jira.

Ministeera qonnaatti hojii raawwachiisaan dhiheessii galtee ob. Mangistuu Wubisheet lafa biyyattii keessatti qotamaa jiru keeessaa dhibbantaa 41 asiidiidhaan miidhamuusaa ibsaniiru.

Lafti qonnaa dhebbantaa 28 asiidawaa olaanaadhaan kan miidhame yoo ta’u, rakkoo kana furuuf hirmaannaan qaamota dhimmi ilaaluu murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Kabnaaf dhiheessiifi raabsii  nooraa seertara dhuunfaa hirmaachise taasisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Lafti heektaarri miiliyoona 13 tuqaa 5 yeroo ammaa qotamaa akka jiru eeranii, asiidawaa kana lafa qonnaa dhibbantaa 5 tuqaa 5 ol ta’erratti oomishtummaa baay’ee hir’isa jedhaniiru.

“GIZ”tti gorsaan teekiniikaa Pirojektii fooyyessa biyyoo ob Wubisheet Damisee, maasaan qonnaa asiidiidhaan miidhame oomishtummaa dhibbantaa 50 amma 100tti nihir’isa jedhaniiru.

Haala walfakkaatuun xaa’oon bu’a qabeessa akka hin taane gochuudhaan oomishtummaarratti miidhaa olaanaa geessisa.

Qamadii, Garbuu, Boqqoolloofi Baaqilaan asiidawuu biyyootiin akka miidhaman eeranii, nooraadhaan yaaluun yoo danda’ame amma dhibbantaa 71tti guddina oomishaa argachuun akka danda’ame ibsameera.

Qorannaa dhiheenya taasifameen lafa nooraadhaan yaalame irraa heektaararraa qamadii kuntaala 47, Garbuu kuntaala 43, Baaqilaa kuntaala 39 akkasumas Boqqoolloo kuntaala 51 argachuun danda’amuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015