Godinoonni Lamaan Barattoota Deeggarsa Barbaadaniif Meeshaalee Barnootaa Kenne

108

Fulbaana 17/2015/TOI/ Godinni Iluuabbaabooraafi magaalaan Jimmaa barattoota deeggarsa barbaadaniif meeshaalee barnootaa kennuunsaa ibsame.

Bulchaan godina Iluuabbaabooraa ob. Indaalkaachoo Tafarii akka jedhanitti barataan tokkoyyuu sababa rakkinaatiin barmootarraa akka hin hafne godinichi hojjechaa jira.

Haala kanaan godinichatti barattoota kuma 15 oliif meeshaan barmootaafi uffannaan kennamuu dubbataniiru.

Deeggarsa kana kan kennan tola ooltummaa hawaasa hirmaachise, jiddu galeessa deeggarsa jaarsoliifi dhukkubsattoota sammuufi dhaabbilee tola ooltota godinicha keessatti argamaniin ta’uun ibsameera.

Barattoota deeggarsi taasifameef keessaa magaalaa Mattuu kan jiraatu barataa kutaa jaahaa Abrahaam Mirreessaa deeggarsa kennameefitti gammadee, baratee sadarkaa guddaarra ga’uuf akka carraaqu dubbateera.

Barataa Yohaannis Taaddasaa nama isa deeggaru waan hin qabneef deeggarsa taasifamuufiin barachaa akka jirru ibseera.

Deeggarsi taasifameef jabaatee akka baratu akka isa taasisu dubbateera.

Haala walfakkaatuun bulchiinsi magaalaa Jimmaa barattoota deeggarsa barbaadan 520f tokkoon tokkoon barattootaaf dabtara darzana 1, iskiriibtoofi irsaasa deeggareera.

Deeggarsi taasifame kun hojjettoota yuunivarsiitii Jimmaa, Waldaa abbaa Gadaafi dargaggoota magaalaa Jimmaa irraa ta’uun beekameera.

Yuunivarsiitii Jimmaatti itti aanaa pirezidaantii bulchiinsaafi tajaajila barattootaa Doktor Qananiisaa Lammii sirna walharkaa fuudhuurratti akka jedhanitti, hojjettoonni kan qabanirraa hir’isanii deeggarsa taasisuusaaniitiif galateeffataniiru.

Yuunivarsiitiin Jimmaa rakkoo hawaasaa furuuf yoomiyyuuu kan hojjetu ta’uus dubbataniiru.

Qaqqabiinsa barmootaa bal’isuuf yaalii taasifamu keessatti barattootaafi maatiisaanii gargaaruun barbaachisaa waan ta’eef deeggarsi hojjettoonni Yuunovarsiitii Jimmaa taasisan kun kan jajjabeeffamudha jedhaniiru.

Deeggarsi dargaggoonni magaalaa Jimmaafi waldaan abbaa Gadaa taasisan meeshaalee barmootaa birrii kuma 82tti tilmaamamu akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015