Dorgommii Fakkii Jarmanitti Taasifameen Itiyoophiyaanonni Mo’atan

92

Fulbaana 16 /2015(TOI) Barattoonni barumsa og-fakkii Itiyoophiyaa dorgommii fakkii Jarman magaalaa Leepjiinitti taasifameen mo’achuunsaanii ibsame.

Kolleejii poolii teekiniikii Inxooxxootti barattoota kutaa barumsaa og fakkii Fireewayinii Indiriyaassiifi Iyyoob Isheetuu dorgommii Jarman magaalaa Leepjingtti taasifameen irratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaanonni lamaanuu dorgommii kanaan sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa ta’uun mo’achuusaanii biiroon ogummaafi teekiniikaafi teekinooloojii Finfinnee beeksiseera.

Dorgommiin kuna magaalaa Leepjingitti kan adeemsifame ta’uu kanneen fakkii hojjeta 25 waliin dorgomanii tokkoffaafi lammaffaa ba’uun mo’ataniiru jedhe biiroon kun.

Leenjifamtoonni Fireewayiniifi Iyyoob Isheetuu tokkoffaafi lammaffaa ba’uun badhaasa fudhataniiru.

Dorgmmii kanaan tokkoffaa kan baate Fireewayiniin carraa barumsaa bilisaa kan baatii sadii argatteetti.

Sadarkaa addunyaatti kanneen fakkii hojjeta waliin hojiishee akka dhiheessitu bulchiinsi magaalaa Lipjingi carraa akka mijeesseef beekameera.

Boci dorgommiidhaan mo’ate kun magaalaa Lipjingi addababayii Addis ababaa iedhamee moggaafametti akka dhaabatu  himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015