Gareen Ergamtootaa Keeniyaa Irreecha Baranaarratti Ni Hirmaata-Komishinii Tuurizimii

51

OromiyaaFulbaana 16 2015 (TOI) Namoota beekamoofi ogeeyyota miidiyaa dabalatee gareen ergamootaa kutaalee hawaasaa addaddaa of keessaa qabu Irreecha baranaarratti akka hirmaatu komishiniin tuuriizimii naannoo Oromiyaa beeksise.

Komishinichi ibsa guyyaa har’aa kenneen jaarsolii biyyaafi bakka bu’oota ummataa dabalatee gareen ergamootaa Keeniyaa namoota 250 qabu Irreecharratti nihirmaatu.

Gareen kun Naayiroobiirraa amma Finfinneetti kiiloomeetirii kuma 1 fi 500 qaxxaamuree Konkolaataan kan dhufu yoo ta’u, Kamisa Fulbaana 19 simannaan dammaqaan nitaasifamaf jedheera Komishinichi.

Ayyaanni Irreechaa baranaa qindeessummaa komishinii turizimii Oromiyaatiin sagantaawwan addaddaatiin akka kabajamus beekameera.

Akka kanaan Roobii Fulbaana 18/2015 egzibiishiniin tuurizimii tajaajiloonni turizimii addaddaa, oomishoonniifi bu’aaleen agarsiisaafi gabaaf nidhihaatu, agarsiifni faashinii Irreechaa niadeemsifama.

Kamisa Fulbaana 19 dorgommiin Miis-turizimii fi awwaardiin tuurizimii Oromiyaa kan waggaa akka gaggeeffamus ibsameera.Kana malees Jimaata Fulbaana 20 Adeemsi Irreechaa guddaafi sagantaan buna dhugaa namoota kuma 10f dhihaatu addababayii Masqalaatti akka adeemsifamu himameera.

Ayyaanni Irreechaa baranaa dhaadannoo” Irreechi fakkeenya nageenyaafi obbolummaati” jedhuun fulbaana 21 Hora Finfinneefi Fulbaana 22 Hora Harsadeetti akka ibsamu ibsameera.

Ayyaanni Irreecha bifa aadaafi duudhaa Oromoo ibsuun akka kabajamu hundi ga’eesaa akka ba’u komishinichi waamicha dhiheesseera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015