Qaamoleen Maallaqa seeraan Alaa Daddabarsan Gochasaanii Kanarraa Akka Ofqusatan Tajaajilichi Akeekkachiise

74

Fulbaana 16/2015 (TOI) Qaamoleen maallaqa karaa seeraan alaa deddeebisan gocha isaaniirraa akka ofqusatan tajaajilli nageenya faayinaansii akeekkachiise.

Qaamolee yakka faayinaansii raawwataniifi deeggartootasaanii dhaabbilee biyya keessaafi biyya alaa dhimmi ilaalu waliin ta’uun seeraan gaafachiisuuf cimee akka itti fufu ibsameera.

Tajaajilli nageenya faayinaansii ibsa TOIf ergeen, qaamoleen biyya alaa jiraatan tokko tokko deeggartootasaanii Itiyoophiyaa keessa jiran waliin ta’uun sharafa alaa gara Itiyoophiyaatti ergamu karaa seeraan alaa daddabarsuudhaan shira dinagdee raawwachaa akka jiran beeksiseera.

Fakkeenyaaf kanneen akka “Adooliis”, Shaggee”,”Salaam”, “Reed sii”fi kanneen biroo teessoosaanii biyya alaa gochuun gocha seeraan alaa irratti bobba’anii argamu jedheera.

Qaamoleen kunneen naga’ee sobaa qopheessuudhaan sharafa alaa gara baankota Itiyoophiyaatti waan ergan fakkeessanii gara Itiyoophiyaatti akka hin galle taasisaa akka jiran tajaajilichi beeksiseera.

Qaamoleen seeraan alaa kunneen deeggartootasaanii Itiyoophiyaa keessa jiran 600 waliin hojjechaa akka jiran beeksiseera.

Sababa kanaan Itiyoophiyaan sharafa alaa argachuu qabdu dhabuurra darbee maallaqni gara Itiyoophiyaatti ergamu daldala kontirobaandiifi yakkoota addaddaa raawwachuuf akka oolu gochuutti argamu.

Kanaaf tajaajilli nageenya faayinaansii dhaabbilee deeggartootaa biyya keessaafi biyya alaa jiraan waliin ta’uun qaamolee yakka kanarratti hirmaatan seeratti dhiheessuuf hojjechaa akka jiru ibseera.

Osoo beekaniis ta’e osoo hinbeekiin kanneenyakka kanarratti hirmaatan gochaa isanii kanarraa akka ofqusatan akeekkachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015