Ministirri Muummee Doktor Abiyyi Ahimad Ayyaana Masqalaa Sababeeffachuun Ergaa dabarsan

104

Fulbaana 16.2015/TOI/- Ministirri muummee Doktor Abiyyi Ahimad guyyaa Ayyaaneffanaa Masqalaa kan bara 2015 sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru. Ergaan dabarsanis guutuunsaa akka armaan gadiitti dhihaateera.

Baga ayyaana Masqalaatiin isin ga’e!

Baatiin gannaa ba’ee baatii birraa jalqabuurratti argamna.

Lagni guute ni hir’ata, dhoqqeen ni goga, dukkanni ni ifa, qorri nihir’ata, dirreefi tabbi abaaboodhaan miidhagu, yeroo kanadha ayyaana Fannoo dhokatee ture  kan itti argame kan kabajnu.

Wayitiiwwan Funyoon Itiyoophiyaanota walitti hidhe cimaafi cituu kan hindandeenye ta’uusaa argisiisan keessaa tokko baatii Fulbaanaati. Sabaafi sablammoonni biyyatti hedduun bara haaraa/ayyaana galateeffannaa kan kabajatan baatii Fulbaanaa keessadha. Kun ammoo akka tasaa kan ta’e miti. Ka’umsisaa hubannoo waliinii akka qabaatu agarsiisa. Ka’umsisaa tokkummaa keenya, akkaataan kabajaasaa addadda ta’uunsaammoogamtoomina keenya agarsiisa.

Akkaataa ayyaaneffannaa keenya sirni Damaraa, xomboorri,kabajni jaarsoliif kennamu, gammachuun daa’immaniifi ijoollee, hawwii gaariin waliif qabnu walfakkaata. Ayyaaneffannaa kana guutuu biyyattiitti wal fakkaataa ta’ee yoo arginu, hidda biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu ittiin walitti hidhamte akka xiinxallu nu taasisa.

Damaraan wayita qabsiifamu dukkanni ifaan, qorri hoo’aan, jiitanaa’uun abdiidhaan bakka bu’a. Damaraan wayitii rakkisaa cehuu keenya. Abaaboon dirreefi qulqullinni samii, sagaleen qacceefi waci simbiraa utuu homtuu nutti hin himiin birraan akka bari’e raga nuuf ba’u. Abaaboon firiitti, firiin oomishatti kan jijjiiraman baatii Fulbaanaattidha.

Okkoteen goommana bilcheessaa ture marqaa fi asheetaan guutamuu jalqaba. Laggeen hir’atanii firri walgaafachuu jalqaba, barattoonni gara mana barumsaa dhaqu. ayyaaneffannaawwan addaddaa baatiin Fulbaanaa fidee dhufuun  baatiin kun Itiyoophiyaanotaaf fakkeenya guddaadha.

Jaalatamoo Lammiilee Itiyoophiyaa,

Rakkoolee hedduu keessa darbinee har’a geenyeerra. Daandiin keenya akka dukkanaa’u, miilli keenya akka qal’atu dabni nurratti hojjetameera. Rakkoo guddaa keessa akka gallu waanti nurratti hinhojjetamne hin jiru. Numa harkaa nyaatanii harka keenya ciniinaniiru. Lagni akka nutti guutu, Lolaan akka nufudhatu, gaarri akka nurratti jigu nurratti hojjetameera. Uumaan keenya garuu dabarsee nunkennine.

Utuu waa’ee beelaa nurratti odeessanii laftu guuttee nuuf kennite. Utuu waa’ee gammoojjummaa nurratti moranii biyyi keenya magariisa uffatte. Utuu waa’ee kasaaraa nurratti odeessanii dinagdeen keenya qoraata cehee deemaa jra. Bitaa mirgaa utuu nu jeeqanii hidha haaromsaa si’a sadaffaaf bishaan guunnee motora keenya kaafne. Adda nubaasuuf yaalanis tokkummaan ummata keenyaa akka sibiilaa cime.Dhadhabaniiru jedhanii nutti duulanis cichinee dhaabanneerra. Pirojektoonni keenya eessaanuu gahuu hin danda’an jedhamne xumuramuurratti argamu.

Kun hundi ta’uufii dinnaan obsi keenya akka soda, nagaa barbaaduun keenya akka dadhabbiitti fudhatamee waraanni marsaa sadaffaa nurratti baname.  Obsi keenya ummanni gara lamaanuu dhumu ummata keenya jenneetu. Wayita isaan garaa jabaatan nuyi kan obsineef mootummaan biyya tokkoofi fincilaan biyya tokkoo ummataaf walqixa hin yaadan jenneetu.

Waraana caalaa nageenyarraa bu’aa arganna jennee utuu lolluu nageenyaaf dursa kennuurraa duubatti hin jenne. Haata’u malee nageenyi qaama tokkoon qofa hinmirkanaa’u.

Kanaaf birmadummaa biyyaa eegsisuuf jecha gara ofirraa ittisuutti galuuf dirqamneerra. Kan har’aa qofa utuu hin ta’iin imaanaan dhaloota dhufuus nurra jira. Itiyoophiyaa  baduurraa, ummata bittimuurraa baraaruuf  akkasumas ijoolleen keenya biyya birmaduu akka dhaalan ofirraa ittisuuf dirqamneerra. Waraanni yeroo ammaa ofirraa ittisuu taasisaa jirru imaana kana ba’uufi faayidaa biyyaalessaa keenya balaarraa eeguuf kan yaadamedha.

Waa’ee nageenyaa Itiyoophiyaa barsiisuun qurxummii bishaan daakuu, simbira ammoo balallii barsiisuudha. Weerarri nunudate karaa nagaa akka xumuramu amma nurraa barbaadamuu ol deemneerra. Kana garuu namni baay’een hin hubanne. Harki nageenyyaaf diriirfame nagaa kan filate meeshaa waraanaa qabachuu waan hin dandeenyeef miti. Nageenya waan filateef qofa. Harki nageenyaaf diriirsine dhageettii waan dhabeef meeshaa waraanaa akka qabatu dirqisiifamaa jira.

Iddoo addaddaa teessabii ayyaana Masqalaa kabajaa kan jirtan hundi waan tokko isiniif mirkaneessuun barbaada. Bara kana Itiyoophiyaan harka lamaan hojjettee qormaata ishee mudate nidarbiti.Harka tokkoon faayidaa biyyaalessaashee  eegsiftee yeroo xumuraaf rakkooshee hiikuuf niqabsoofti. Gama biraatiin ammoo hojjetee gootaraasaa akka guutu, nyaatasaa liqiin utuu hinta’iin oyiruu isaarraa akka nyaatu tarsiimoo baafnee hojjechuu ni jalqabna.

Adeensi keenya kun “Bu’aa leematii” jedhama. Kaayoonsaa karaa salphaa ta’een nyaata madaalawaadhaan gabataa keenya guutuudha. Kunis muduraafi kuduraa, horsiisa lukkuu, horsiisa saawwaafi qurxummii of keessaa qaba. Barri kun bara teekinooloojii xiqqaa fayyadamuudhaan nyaataan of danda’uuf carraan itti uumamedha. Biyyoonni lafa qonnaa bal’aa hin qabne haala kanaan bu’a qabeessa ta’aniiru. Akkuma ashaaraa magariisaatiin bu’a qabeessa taane, bara kana golliifi gootaraan keenya akka guutu cimnee ni hojjenna.

Ayyaanni Masqalaa rakkoo darbe kan ittiin dhabamsiifnuufi  boriif abdii kan itti horannudha. Sirni kabajaafi eebbi maanguddootaa kana nutti argisiisa. Bara kana Itiyoophiyaan rakkoo irra turan akka hiiktuufi gabaanshee nyaata ijoollee isheetiif barbaachisuun  guutuuf kanneen Itiyoophiyaa jaalattan hundi kutannoon akka kaanu waamichan dhiheessa.

Ammas baga ayyaana Masqalaatii isin ga’e, nu’a’e jechuun barbaada.

Itiyoophiyaan bara baraan kabajamtee haajiraattu!!

Waaqayyo Itiyoophiyaafi ummatashee haaeebbisu!

Fulbaana 16 bara 2015

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015