Kabaja ayyaana “Yaahodee”ambaa addunyaatti galmeesisuuf hojjetamaa jira jedhame

84

Fulbaana 14/2015(TOI) - Ayyaana ibsituu tokkummaafi waliin jireenyaa uummata Itoophiyaa keessaa tokko kan ta'e 'Yaahodee' ambaa addunyaatti galmeesisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Aadaa fi Ispoorrtii obbo Qajeelaa Mardaasaa beeksisan.

Ministirichi ayyaana kabaja bara haaraa Hadiyyaa 'Yaahodee' kan bara kanaarratti argamuun ergaa darbasaniin Itoophiyaan biyyaa aadaa waliin jireenya uummataa calaqisiisaan qabaachuun badhaatudha jedhan.

Kana keessaas 'Yaahodeen' tokko ta'uu himanii,
ayyaanichi ayyaana tokkummaafi jaalalaan kabajamu, guddinaafi badhaadhina biyyaaf akka fakkeenyatti kan ilaalamudha jedhaniiru.

Kabajinni ayyaanichaa aadaa wal gargaaruufi walitti dhufeenya lammilee kan cimsuu keessatti gahee olaanaa kan bahu ta'uu isaan ambaa addunyaatti akka galmaa'uu Ministeerichi hojii adda addaa hojjechaa jira jedhaniiru.

Kunis ayyaanichi duudhaa aadaa qabu qabatee akka turuuf gahee olaanaa qabataa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015