Chaayinaan Hariiroo Biyyoota Afriikaa Waliin Qabdu Cimsuuf Xiyyeeffattee Akka Hojjettu ibsite

69

Fulbaana 13/2015 (TOI) Chaayinaan hariirii biyyoota Afriikaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffatte akka hojjettu waltajjiin maree Ummatummaa Chaayinaa ibseera.

Gaazexessoonni biyyoota Afriikaa 17 leenjii mana hojii dhimma alaa Chaayinaatiin qophaa’erratti hirmaachuuf Beejiingitti argaman dhaabbaticha daawwataniiru.

Waltajjiin maree ummatummaa siyaasaa Chaayinaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1949 waltajjii maree biyyaalessaa mootummaa Chaayinaa qofeessa ta’ee kan hundeeffamedha.

Kana malees demokiraasiin biyyattiitti akka gabbatu, akka dagaaguu dhimmoota garagaraarratti mariin waliinii taasisuudhaan yaada kan kennudha.

Itti aanaan barreessaa olaanaa dhaabbatichaa Zaangi Mooyuu ibsa kennaniin, chaayinaan hariiroo biyyoota Afriikaa waliin qabduuf iddoo guddaa kan kennituuf ta’uu eeranii, hariiroo kana cmsuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Waltajjiin marii kun walii galtee waliinii uumuuf kan hojjetu ta’uu eeranii, hariiroo biyyoota Afriikaafi qaamolee gamtaa Afriikaatti seera baasan waliin jiru akka cimsu dubbataniiru.

Kana cinaattis waldaalee ogummaa Afriikaa, gaazexessootaafi ogeeyyota biroo waliin marii taasisuudhaan hariiroo Chaayinaafi Afriikaa cimsuuf akka hojjetan eeraniiru.

Hariiroon kun biyyoota lamaan jidduutti  misoomaafi guddinni akkasumas dhimmoota akka bulchiinsa mootummaa irratti muuxannoo horachuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Waltajjiin kun walii galtee fi waadaa walta’iinsa Afriikaa-Chaayinaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2018 taasifame raawwiisaa qorachaa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015