Warshaan bishaan Amboo Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun harka qalleeyyiif deeggarsa meeshaa birrii kuma dhiba 2 olitti tilmaamamu taasise

63

Ambo Ebla 16/2011 Warshaan bishaan Amboo Ayyaana Faasikaa sababeefachuun harka qalleeyyiif deggarsaa meshaa birrii kuma dhibaa 2 olitti tilmaamamu taasise.

Warshichi harka qalleeyyii 200 ol ta'aniif deeggarsa uffata qorraa, uffata halkaaniifi meeshaa gara garaa kenneefii jira.

Hojii gaggeessaan warshichaa obbo Dassalanyi Mokonnon akka himanitti deeggarsi amma taasifame kun harka qalleeyyiin akkuma nama kamuu ayyaana gammadanii akka dabarsaaniif yaadameti jedhaniiru.

Namoota deeggarsi kun taasifameef keessaa adde Ababbachi Margaa yadda kennaniin deeggarsi warshaan kun taasiseef kun rakkoo isaanii akka furuuf himanii jiru.

Kantiibaan magaalaa Amboo obbo Taraffaa Badhaadha yeroo kana akka jedhanitti warshaan kun deeggarsa taasiseef galateeffatanii, warshaaleen biroos hojii gaarii kana irraa barachuu qabu jedhaniiru.

Ayyaanni Faasikaa ummata amantaa kiristaanaa hordofan biratti wal deeggaranii ayyaana dabarsaan ta'uun ni beekama.

Bara kanas ayyaanni kun Dilbata dhufu ni kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015