Jiraattonni Oomoo Kibbaa Hiriira Raayyaa Ittisaa Deeggaru Taasisaa jiru.

67

Fulbaana  13/2015 (TOI) Jiraattonni Oomoo kibbaa miseensa raayyaa ittisaa daangaa kabachiisa jiru deeggaruun akkasumas shororkeessaa ABUT balaaleffachuudhaan hiriira nagaa adeemsisaa jiru.

Jiraattonni godinicha iddoowwan addaddaatii dhufan hiriira magaalaa Jiinkaatti taasisaa jiraniin, shororkeessaa ABUT diinota Itiyoophiyaa irraa ergama fudhatee biyya diiguuf socho’u falmaa kan jiru raayyaa ittisa biyyaa cinaa akka dhaabatan mirkaneessaniiru.

Shororkeessaan ABUT hundeeffama isaarraa kaasee kaayoo biyya diigu qabatee ummata walitti buusaa kan tureefi faayidaa dhuunfaasaa guutachaa kan ture waan ta’eef hawaasni addunyaa balaaleffachuu akka qabu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015