Jijjiirama akka biyyaatti dhufe itti fufsiisuuf gahee isaanii akka ba'an dargaggoonni magaalaa Gaambeellaa ibsan

62

Gaambeellaa Mudde 21/2011Naannoo Gaambbeellaatti nageenya itti fufiinsa qabu fiduudhaan jijjiirama akka biyyaatti jalqabame itti fufsiisuuf yaalii godhamu keessatti  ga'ee isaanii akka ba'an dargaggoonni  magaalaa Gaambeella ibsan.

Maree magaalaa Gaambeellaatti taa'ame irratti dargaggoonnii yaada kennan tokko tokko akka jedhanitti, nageenya magaalicha keessatti mul'atuu fi ijjiirama akka biyyaatti jalqabame itti fufsiisuuf yalii gama isaanii ni taasisu.

Dargaggoo Umood Uchaalaa yaada kenneen, itti fufiinsa nageenyaa fi jijjiirama  yeroo ammaa naannicha keessatti mul'atu mirkaneessuuf nageenya naannoo isaanii eegsisuudhaan ga'ee isaa akka ba'u ibsee, yeroo ammaa iddoowwan addaddaatti aggaammii saba irratti xiyyeeffate akka balaaleffatu dubbateera.

Kaayyoon marii kanaas rakkoowwan ga'uu danda'an duursanii ittisuun jijjiirama eegalame itti fufsiisuudhaan nageenya naannichaa caalaatti mirkaneessuuf akka ta'e eereera.

Dura taa'aa dargaggootaa kan ta'e dargaggoo Uboongi Ugutaa yaada kenneen, nageenyi nannichaa itti fufiinsa akka qabaatuu fi fayyadamummaa dinagdee dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaa cinaa dhaabachuudhaan hojjechaa akka jiran ibse.

Nageenya yeroo ammaa naannicha keessa jiru eegsisuuf hanqinoota jiran marii fi furmaata barbaaduudhaan misooma naannichaaf waliin akka hojjetan dhaameera.

"Gaaffiiwwan dargaggoonni gaafatan kamiiyyuu deebisuun kan danda'amu nageenyi yoo jiraatedha" kan jedhe dargaggoo Uboongi, nageenya naannoo isaa eegsisuuf hundumtuu waliin hojjechuu akka qabu dhaameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015