Godinaaleen Oomoofi Kaafaa Raayyaa Ittisaaf Birrii miiliyoona 38 Ol Deeggaran

168

Fulbaana 13/2015 (TOI)- Naannoo ummattoota kibba lixaa Itiyoophiyaatti godinaaleen Oomoofi Kaafaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaafi addaddaa birrii miiliyoona 38tti tilmaamamu deeggara taasisan.

Godinni Kaafaa deeggarsa maallaqaafi addaddaa birrii miiliyoona 31 tuqaa 9tti tilmaamamu kan deeggare yoo ta’u, deeggarsa kanas godinichatti itti waamamaan mootummaa ob. Asras Asfaawu de’eetaa ministira ittisaa Maartaa Liwiijiif kennaniiru.

Godinni Oomoo ammoo deeggarsa maallaqaafi addaddaa birrii miiliyoona 6 tuqaa 1 ol deeggarsa taasiseera.

Deeggarsi kun cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015