Yaa’iin Fayyaa Naannoo Sidaamaa Hawaasaatti Adeemsifamaa Jira.

56

Fulbaana 13/ 2015 (TOI) Yaa’iin fayyaa kan waggaa Bulchaan bulchiinsa naannichaa Dastaa Leedaamoo dabalatee qaamoleen dhimmi ilaau bakka argamanitti magaalaa Hawaasaatti adeemsifamaa jira.

Itti gaafatamtuun biiroo fayyaa naannichaa doktor Salaamaawiit Mangashaa baniinsa yaa’iirratti akka jedhanitti, imaammanni fayyaa dhukkuba ittisuurratti bu’ureeffate bu’a qabeessa akka ta’u ga’een sagantaa ekisteenshinii olaanaadha.

Hanqinoota hijiirraoolchuurratti mudatan sirreessuudhaan dhimma guddaa waltajjii kanaati jedhaniiru.

Bara darbe tajaajila fayyaa qulaulluu kennuufi dhiheessiin dawaa rakkoo akka ture yaadatanii, kallattiin kana furuuf dandeessisu akka kaa’amus eeraniiru.

Sanadiin raawwiin ekisteenshinii fayyaa bara darbee dhihaachaa kan jiru yoo ta’u, ob. Dastaa leedaamoo sanada kanarratti ni mariisisu jedhameetu eegama.

Karoora bara 2015 fi kallattii xiyyeeffannoo mariin taasifamee kallattiin ni kaa’ama jedhameera.

Damee tajaajila fayyaatiin dhaabbilee  raawwii fooyyee qabaniif badhaasniifi beekamtiin akka kennamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015