Qabeenya bishaanii biyya keenyaa kan lafa jalaafi lafarraa misoomsuun badhaadhina biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

121

Fulbaana 13/2015(TOI) - Qabeenya bishaanii biyya keenyaa kan lafa jalaafi lafarraa misoomsuun badhaadhina biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Bishaaniifi Inarjii doktar injinar Habtaamuu Ittafaa.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii karoora bara bajataa 2015 ilaalchisuun dhaabbilee itti waamamtootafi biiroo bishaaniifi inarjii naannolee waliin magaalaa Bahaar Daharitti mariyataa jira.

Doktar injinar Habtaamuun waltajjii kanarratti akka dubbatanitti qabeenya bishaanii biyya keenyaa kan lafa jalaafi lafarraa misoomsuun badhaadhina biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara darbe hojii cimaa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluurratti hojjetameen uummata miliyoona 5 ol fadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun danda'ameera jedhaniiru

Kunis yeroo gareen shororkeessaa ABUT waraana biyya keenyatti banee ture qolachuun cinaatti hojii hojjetame waan ta'eef bara milkaa'inni guddaan itti argamedha jedhaniiru.

Gama inarjiinis humana ibsaa oomishuuf ijaarsa hidhaa, Soolaar, Qilleensaafi damee biroon keessattu hawaasa baadiyyaa fayyadamaa taasisuuf hojiin hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Keessaayyu guutinsi bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 3ffaafi Tarbaayiniin lammaffaan annisaa maddisiisuu jalqabuun hojii ijaarsi dinagdee biyyi keenya jalqabde caalaatti cimee akka itti fufuuf gahee olaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Bara bajataa qabame kanatti ciimootaa raawwii bara darbee keessatti muli'atan itti fufsiisuun hanqinoota raawwii bara darbee keessatti muli'atan immoo furuun milkaa'ina bara darbe arme caalaatti itti fufsiisuuf qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015