‘UNDP’n Muuxannoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Biyyoota Afriikaa 10f Qooduufi

91

Fulbaana 13/2015 (TOI) – Sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii /’UNDP’/n muuxannoo sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota Afiriikaa 10f qooduuf jedha.

Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomanii 77ffaa Niyoorkitti adeemsifamaa jiru cinaatti Sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii muuxannoo sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa irratti mari’ateera.

Itti aanaan muummee ministiraafi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnon, sagantaan ashaaraa magariisaa kun walitti hidhiinsa riijinootaa kan cimsuufi Itiyoophiyaafi gaanfa Afriikaatti nagaafi tasgabbii fiduuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoohiyaan biyyoota Afriikaa muraasaaf biqiltuu dhiheessuushee yaadatanii, walitti hidhiinsa riijinootaa cimsuufi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf biqiltuun dhihaatu itti fufa jedhaniiru.

Sagantaan kun jijjiirama haala qilleensaa ittisuufi rakkoo hawaas-dinagdee akka salphisu eeranii sagantaa ashaaraa magariisaa yaada muummeen ministiraa Abiyyi Ahimadiin adeemsifamuuf deeggarsa ‘UNDP’n qabu dinqisiifataniiru.

Deegarsasaas cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Sagantaa kana deeggaruun faayidaa olaanaa qaba kan jedhan ob. Dammaqaan, dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf, lubbu qabeeyyii addaddaa eeguuf, gammoojjummaa ittisuuf, misooma magariisaa mirkaneessuuf, wabii nyaataa mirkaneessuufi galmoota misooma egeree milkeessuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.

‘UNDP’ bakka bu’uudhaan waltajjii kanarratt kanargaman Alhaajii Fool, sagantaan kun misooma egeree Itiyoophiaaf murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

‘UNDP’n muuxannoo sagantaa ashaaraa magariisaa kana biyyoota Afriikaa 10f akkaqoodu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015