Bara Kana Oromiyaa Shawaa Kaabaarraa Galee Birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 sassaabuuf hojjetamaa jira.

134

Fulbaana 12/2015/TOI/ --- Bara kana naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaarraa birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru waajjirri galiiwwanii godinichaa beeksise.

Kanaaf kan gargaaru hojmaanni haaraan kafaltoota gibiraas ta’e kanneen gibira walitti qaban walqixa itti gaafatamaa taasisu diriirfamuunsas ibsameera.

Waajjira galiiwwanii godinichaatti dursaan garee walitti qabaafi hordoffii galii ob. Darajjee Gammachuu, galiin kun kan sassaabamu kafaltoota gibiraa aanaalee 13 keessatti argaman kuma 60 irraa akka ta’e himaniiru.

Galiin kun Teekinoolojii ammayyaatiin deeggaramee qonnaan bultoota, hojjettoota mootummaafi mana qopheessaarraa akka sassaabamu hubachiisaniiru.

Galii kana keessaa walakkaadhaa ol kafaltoota gibiraa olaanoofi jiddugaleessaa irraa akka sassaabamu dubbataniiru.

Galiin bara haaraa kanatti sassaabuuf karoorfame bara darbe kan sassaabame waliin wal cinaatti yoo ilaalamu caalmaa birrii miiliyoona 500 akka qabu eeraniiru.

Sirni gibirri itti sassaabamu diriirfamuunsaa guddina karoora kanaatiif sababa akka ta’e beeksisaniiru.

Abbaan qabeenyaa aanaa Giraarjaarsoo ob. Hayiluu Taaffasaa gibira guddaa kafaluun kan beekaman yoo ta’u, gibira isaanii yeroon kafaluudhaan diqama isaanii bahaa akka jiran dubbataniiru.

Haala kanaan hojii isaanii karaa ammayyaa akka hooggananiifi  bu’aafi kasaaraasaanii adda baasuuf akka isaan gargaare eeraniiru.

Magaalaa Ficheetti Hoteela kan qaban adde Hiyiwoot Taaddasaa gibira yeroon kafaluun guddina naannawa isaaniif shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Gibira isaanii yeroon akka kafalanis dubbataniiru.

Hundi gibirasaa yeroon yoo kafale isaaniifis ta’e naannawa isaaniif bu’aa akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015