Kaayyoon garee shororkeessaa ABUT hundeeffama isaarra qabee diina waliin ta'uun Itoophiyaa diiguudha

125

Fulbaana 11/2015(TOI) - Kaayyoon garee shororkeessaa ABUT hundeeffama isaarra qabee diina waliin ta'uun Itoophiyaa diiguudha jedha obbo Mu'uuz Gabirahiwootiifi Gaazexeesituu Fireezar Nagaash

Oboo Mu'uuz Gabirahiwootiifi Gaazexeesituu Fireezar Nagaash turtii TOI waliin taasisaniin ABUT diina uummataa Itoophiyaa yoo ta'ee keessaayyu immoo diina uummata Tigiray waan ta'eef biyya badiirra hambisuuf waloon irratti qabsaa'uu qabna jedhaniiru.

Gareen kun uummanni akka nagaan jiraatu kan hin barbaanne, walitti bu'iinsi yoo hin jiru ta'es jiraachuu kan hin dandeenye ta'uu yaadachiisanii, ammas gochaa isaa kana itti fufeera jedhaniiru.

Sanada Itoophiyaa diiguuf qopheeffateef dhiheenya miliqee jalaa baherrattis ifaan ifatti Itoophiyaa diiguuf garee shororkeessaa Alshabaabiifi Shanee waliin akka hojjetu eereera.

Bara aangoo isaatti Itoophiyaa diiguuf yaale kan hin milkoofneef ta'us, har'as diinoota seenan biyyi qabduuf farda ta'uun kaayyoo isaa galmaan gahuuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Bara 1969 waraana Somaalee waliin ta'uun Itoophiyaa waraanee akka ture yaadachiisuun obbo Mu'uuz dhiheenyaas Alshabaab waliin qindaa'uun doggora seenaa sana dabaleera jedhaniiru.

Yeroo ammaas karaa nageenyaa mootummaan dhiheesse dhiisuun yeroo sadaffaaf waraana baneera jedhaniiru.Gaazexeesituu Fireezar Nagaash gama isheen gareen shororkeessaa ABUT mirga namoomaafi dimookiraasii uummataaf dhimma kan hin qabne gareen kun uummata naannoo Tigiraayiifis ta'ee uummata Itoophiyaa maraaf diina yeroo hundaati jeteetti.

Diinota Itoophiyaafi garee finciltootaa Itoophiyaa diiguu barbaadan waliin hojjechuun amala garichi durii qabee ittiin beekamudha jeteetti.Garen shororkeessaa kun jalqabarra qabee maqaa uummata Tigiraayiin daldalaa kan ture yoo ta'u ammas bifa walfakaatuun gochaa isaa kana itti fufuun rakkoo hamaaf uummaticha saaxileera jeteetti.

Uummanni Tigiraay gareen shororkeessaa kun akka gara nageenyaatti dhufu dhiibba gochuu qaba. Kana malees yakka raawwataniif gara seeraatti akka dhihaatan hojjechuu qaba. Kana bira darbuun yoo ta'uu dides garee kana waraanuu qaba jeteetti.

Garee shororkeesitoota ABUT, Shaneefi Alshabaab qindoomanii Itoophiyaa diiguuf hojjechaa jiru waan ta'eef uummanni Itoophiyaa tokkummaan dhaabbachuun biyya jiraachisuu qabna jeteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015