Kanneen faallaa isaa ta'an balleessuun amala gareen shororkeessaa ABUT uumama isaarra qabudha - Dura taa'aa PDT

75

Fulbaana 11/2015(TOI) - Kanneen yaadaan faallaa isaa ta'an balleessuun amala gareen shororkeessaa ABUT uumama isaarra qabee qabu ta'uu ura taa'aan Paartii Dimokiraatawwaa Tigiraay doktar Aragaawwii Barihee himan.

Gareen kun garee hundeeffama isaarraa jalqabee shiraan hojjechaa jiraate malee kan nageenyaafi waliin jireenyaaf kan dhimma hin qabne ta'uu eeraniiru.

Dura taa'aan PDT doktar Aragaawwii Barihee TOI tti akka himanitti Gareen shororkeessaa ABUT umama isaarra jalqabee haga har'aatti fayidaa isaaf jecha uummata mankaraarsuu itti fufeera.

Rakkoo uummataatti fayyadamuun kaayyoo isaa milkeessuuf yeroo hundaa Waraana akka tarsimootti garee jalqabarraa qabee itti fayyadamaa jiru ta'uus beeksisaniiru.

Sanada badii gariichi qopheesseefi dhiheenya miliqee baheerratti yaada bu'uuraa '' Bilisummaa keenya irree keenyaan" jedhuun garichi ammaas uummata waraanatti oofuun dhumaatiif saaxiluuf hojjechaa akka jiru kan mirkaneessedha jedhaniiru.

Bara qabsoo ABUT keessa gaaffii hawaasummaa, siyaasaafi mirga namoomaa gaafachuun kan nama diinomsuu akka ture yaadachiisanii, kanaafis agarsiistuwwan adda addaa jiru jedhaniiru.

Hundeesitootaa ABUT keessa tokko kan turan doktar Aragaawwii Barihee garicha keessatti gareen nageenyaatti hin amanneefi gara jabeeyyiin baay'achuu isaan isaaniifi qabsaa'onni isaan waliin yaada walfakaataa qaban dhaabbaticha dursanii gadhiisuuf dirqamuu himaniiru.

Dhaabbatichi yeroo carraa Itoophiyaa bulchuu argatetti gochaa saamichaafi ajjeechaa duraa qabu cimsee itti fufuusaan qabsoo uummataan aangoorraa dhorkamuu himaniiru.

Uummanni Tigiraayis yeroo dhumaatiif gareen kun gateettii isaarra akka dhabamsiifamuuf qabsaa'uu qaba jedhaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT Itoophiyaatti nagaan waaraan yoo jiraate yakka kanaan dura hojjechaa tureef itti gaafatama akka ta'u waan beekuuf waraana,jeequmsaafi hookkaraan umuriisaa dheerefachuuf yaala jira jedhaniiru.Gochaa badii garee kana waloon qolachuu qabnas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015