Meeshaan kontiroobaandii Birrii Miiliyoona 218 fi kuma 368 olitti tilmaamamu qabame

74

Ebla 16/2011 Meeshaan kontiroobaandii Birrii miiliyoona 218 fi kuma 368 olitti tilmaamamu qabamuu isaa Komishinni Gumuruukaa ibse.

Komishinarri komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa har’a ibsa kennaniin meeshaawwan kanneen akka geeddariinsa mobaayilaa, Pirojektoota, kaameeraawwan 5D, funyoowwanii fi qodaawwan elektiriikaa garaagaraa akkasumas qorichoota fa’i.

Gochaan kun mallattoo fi sanada sobaan akkasumas golga eeyyama seera qabeessa qaban dhaabbilee idil addunyaa fayyadamuun yakka raawwatamedha jedhan.

Kanaan walqabatee adeemsa hanga ammaatti jiruun namoonni dhuunfaa sadii J, I, Z irraa, akkasumas Z rayidar kan jedhamu teraanzitara biraa irraa namoonni lama to’annoo jala oolanii garee Poolisii federaalaan qorannoorra jira.

Meeshaawwan qabaman kun gosaan 287 yoo ta’an, walii galaan ulfaatinni isaanii kiilogiraama kuma 4 fi 100 akkasumas lakkoofsaan kuma 382 fi 666 ta’uun isaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015