Komishinichi Qaama Eragamni Siyaasaa Kennameefidha-Ambaasaaddar Reeduwaan

91

Fulbaana 11/2015 (TOI) - Komishiniin ogeeyyota mirga namoomaa idil addunyaa qaama Itiyoophiyaa dadhabsiisuufi xureessuuf ergamni siyaasaa kennameef ta’uu gorsaan nageenya biyyaalessaa muummee ministiraa ambaasaaddar Reeduwaan Huseen ibsan.

Gabaasni Komishinichaa kaayyoo siyaasaa durumaan qabatee ka’e ifatti kan mirkaneessedha jedhaniiru.

Komishiniin ogeeyyota mirga namoomaa idil addunyaa fedhii siyaasaa yeroo, qaamota ergama kennaniifii guutuuf dhaabate ta’uusaa odeeffannoo fuula tiwiitarii isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Gabaasni komishinichaa kaayoo siyaasaa durumaan qabatee ka’e ifatti kan mirkaneesse ta’uu kan eeran ambaasaaddar Reeduwaan, soba tarreessuudhaan odeeffannoowwan namoonni ejjennoo dogoggoraa akka qabatan taasisu kan of keessaa qabu ta’uu dubbataniiru.

Ergamni komishinii ogeeyyota mirga namoomaa idil addunyaa ifaa ta’uusaati Ambaasaaddar Reeduwaan kan himan.

Ambaasaaddar Reeduwaan komishinicha ilaalchisuun ibsa kanaan dura kennaniin akka jedhanitti, komishinichi hundeeffama isaarraa kaasee ejjennoo walrukutu, ergama siyaasaa qabuufi anatu isiniif beeka jedhu akka qabate ibsanii ture.

Mootummaan qaamota mirga namoomaa dhiitan akka gaafataman taasisuuf hojjechaa osoo jiruu komishinichi Itiyoophiyaa maqaa balleessuuf cichee hojjetus, qaama hundeeffame waliin hojjechuuf yaalii taasisaa jiraachuusaa dubbataniiru.

Haata’u malee fedhii komishinichi Itiyoophiyaarratti fe’uuf barbaadu tasuma hin fudhannu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015