Minsteerri Albuudaa waliigaltee Kubaaniyaa 'Poolii GCL' waliin qabu adda kutuu beeksise.

Fulbaana 11/2015(TOI) - Minsteerri Albuudaa naannoo Somaalee Ogaadenitti boba'aa umamaa baasuuf kan ture Kubaaniyaa 'Poolii GCL' jedhamu waliin waliigaltee qabu kaleessa irraa jalqabee adda kutuu beeksise.

Ministirri Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa ibsa laataniin kubaaniyaan kun waggoota 15 boba'aa baasuuf naannaawwa kanatti hojjechaa turus haala waliigalteen raawwachuu dadhabuu isaan walii galteen adda cituu himaniiru.

Kubaaniyaa kanarraa Mootummaafi Uummanni kan eegu dhiheessii maallaqaafi Tekinolojii dhihaachuu dhabuun waliigalteen kun adda cituu himaniiru.

Mootummaan yeroo adda addaatti Kubaaniyaa kanaaf deeggarsaafi akeekkachiisa kennuufis waan irraa eeggamau garuu hojjechuu akka hin dandeenye himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015