Waraanni gareen shororkeessaa ABUT irra deddebi'ee waqtii oomishaa eegee kaasuu shira dinagdee biyya irratti raawwatamudha

68

Fulbaana 11/20159TOI) - Waraanni gareen shororkeessaa ABUT irra deddebi'ee waqtii oomishaa eegee kaasuu shira dinagdee biyya irratti raawwatamudha jedhame.

Gareen Raayyaa Ittisa Biyyaatti Iizii Kaabaa duubaan dhokatee kan yakkarratti raawwachuun gochaa biyya ganuu erga raawwatee haga yeroo sadafaaf yeroo ammaa waraana baneetti yeroon inni waraana jalqabu yeroo itti qonnaan bulaan oomishaaf qophaa'udha.

Qorataan olaanaa Asooseeshinii Ikonomikisii Itoophiyaa doktar Abulee Mahaarii TOI tti akka himanitti naannoo Amahaaraafi Affaar bakkeewwan waraanni itti geggeeffame gofaatti oomishinnii meetirikitoonii miliyoona 3 osoo walitti hin qabamiin hafeera.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti taasifamaa jiru yeroo hedduu irra deddeebiin waqtii oomishaa eegee kan ka'aa jiru waan ta'eef guddina oomisha qonnaarratti dhiibbaa cimaa fida jedhaniiru. Kun immoo dinagdee biyyaas kan miidhu ta'uu himaniiru.

Waraanni gareen shororkeessaa ABUT irra deddebi'ee waqtii oomishaa eegee kaasuu kun shira dinagdee biyya irratti raawwatamudhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015