Rakkoo haala itti fayyadamafi qorichaa fudhatan irraan dhufu hiri'isuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi bal'inaan irratti hojjechuu qabu - Minsteera Fayyaa

166

Adaamaa, Fubaana 10/2015(TOI) - Rakkoo sababa haala itti fayyadamafi fudhannaa qorichaan dhukkubsatootarra gahu hiri'isuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi bal'inaan irratti hojjechuu akka qabu Minsteera Fayyaa beeksise.

Guyyaan dhukkubsatoota addunyaa 4ffaa '' Haalli itti fayyadama Qoricha nageenyummaan isaa eeggamee bu'aa Tajaajila yaala fayyaa fooyyee qabuuti'' mata duree jedhuun sadarkaa biyyaatti magaalaa Adaamaatti kabajameera.Waltajjii kanarratti Itoophiyaatti bakka buutoota Dhaabbata fayyaa addunyaa dabalatee qaamoleeen qooda fudhatoonni hirmaataniiru.

Minsteera fayyaatti daarekatarri qulqullina yaala fayyaa doktar Dasaaleny Baqqalaa haasaa taasisaniin yeroo tajaajilli yaala fayyaa kennamu dogogoroota umamaniin dhukkubsatootaafi ogeeyyoota yaala fayyarra miidhaan guddaan ni qaqqaba.Dabalataan dhukkubsatoonni rakkoo fayyaafi baasii hin barbaachifneef akka saaxilaman taasisa. Kun immoo sababa dabaluu du'aaf maddadha jedhaniiru.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa dhiheenya qorannoo biyyoota giddinarra jiranirratti taasiseen dhukkubsatoonni miliyoona 134 ta'an haala itti fayyadamaa fi fudhannaa qorichaan miidhaan kan irra gahuu ta'uu mirkaneessera jedhaniiru.

Dhaabbilee fayyaa keessatti hambifamuu kan danda'aniifi haala itti fayyadama qorichaa sirrii hin taaneen dhukkubsatoota yaala fayyaa barbaadan 4 keessaa tokko miidhaa gudddaaf ykn immoo du'aaf kan saaxilaman ta'uu himaniiru.Kanaaf Tarsimoo qulqullinaafi haala itti fayyadama qorichaa biyyaaleessaa baasuun bara 2013 irraa jalqabee hojiirra oolaa jiraachuu dokata Dassaleny Baqqalaa himaniiru.

Rakkoo haala itti fayyadamafi qorichaa fudhatan irraan dhufu hiri'isuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi bal'inaan irratti hojjechuu akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015