Itoophiyaa fi Chaayinaan Diinagdee fi dameewwan biroon hariiroo isaanii caalmaatti cimsuuf waliigalan

67

Finfinnee, Fulbaana 9/2015 (TOI) - Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Chaayinaa Waang Yuu waliin mari'atan.

Obbo Dammaqaan yaa'ii 77ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwu Yorkitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Yaa'icha cinaatti Waang Yuu waliin dhimmoota waloo fi haala waqtaawaarratti mari'ataniiru.

Tumsa misoomaa biyyoota lamaanii gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015