Finfinneetti dhaabbilee Fayyaa sadarkaa gad tajaajila laacha turan 699 irratti tarkaanfiin fudhatame.

77

Fulbaana 9/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti
dhaabbilee Fayyaa sadarkaa gad tajaajila laacha turan 699 irratti tarkaanfii adda addaa fudhachuu Abbaan Taayitaa bulchiinsa to'annoo qorichaafi Fayyaa beeksise.

Abbaan Taayitivha bara bajataa 2014tti haala kennisa tajaajilaa dhaabbilee fayyaarratti qorannoo geggeesse ilaalchisuun ibsa kenneera.

Qorannoon kunis Hospitaalota mootummaafi dhuunfaa,Kilinikootaa, Kuusaa qorichootaafi Faarmaasota irratti geggeeffamuu abbaa taayitichaatti itti aanaa daarektar Damee dhaabbilee fayyaa obbo Amdayasuus Adinoo himaniiru.

Qorannoon kun bara 2014 keessa dhaabbilee fayyaa 2537 irratti kan geggeeffame yoo ta'uu isaan keessaa ulaagaa jiruun sadarkaa gad ta'aanii kan argaman dhaabbilee fayyaa 699 dha jedhaniiru

Qorannoo kanaan bu'uuraalee misooma fayyaa, dhiheessii galteewwaniifi rakkoon ogeeyyiin wal qabatu muli'ateera.

Dhaabbilee Fayyaa sadarkaa gad tajaajila laacha turan 699 kana irratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015