Hariiroon Itiyoophiyaafi Kuwaataar carraa Invastimantii hedduu kan of keessaa qabu ta’uun ibsame

126

Fulbaana 9/2014(TOI) Hariiroon Itiyoophiyaafi Kuwaataar Faayidaa waloorratti hundaa’e carraa Invastimantii hedduu kan of keessaa qabu ta’uu Quwaataaritti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Fayisal Aliyyi ibsan.

Ambaasaaddar Fayisal gaazexaa Kuwaataar Peeniinseellaatti akka himanitrti, hariiroon biyyoota lamaanii faayidaa waloofi birmadummaa biyyaa karaa kabajeen ta’uu himaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii dameewwan addaddaatiin walitti hidhame kun keessumaa carraalee invastimantii Itiyoophiyaan qabdu kan of keessatti qabatedha jedhaniiru.

Carraafi hawattoonni invastimantii abbootii qabeenyaa fi dawattoota Kuwaataariif carraa guddaa akka ta;e dubbataniiru.

Hoospitaalli addaa yaala kale Fandii misoomaa Kuwaataariin magaalaa Finfinneetti ijaaramu  walitti hidhamiinsa biyyoota lamaanii akka agarsiisu ambaasaaddar Fayisal ibsanii, hoggantoonni biyyoota lamaanii waliigalteewwan 13 mallatteessan keessaa ammi tokko hojiitti akka seenan himaniiru.

Biyyoonni lamaan komishinii ministirootaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsu hundeessuudhaan hojiitti seenuusaaniifi lammiin itiyoophiyaa kuma 30 ol ta’an hojiitti seenuusaanii addeessaniiru.

Naannoon daldala bilisaa Dirreedawaa Muummee ministiraa Abiyyi Ahimadiin eebbifamee baname sochii Itiyoophiyaan invastimantii biyya alaa hawachuuf taasiftu keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Quwaataar carraa kanatti fayyadamuudhaan dameelee teekinooloojii, maanuufaakchariingiifi tuuriizimii qonnaarratti akka hirmaatan gaafataniiru.

Dameelee invastimantii biyya keessatti argaman invastaroota biyya alaaf banaa gochuuf mootummaan tarkaanfii olaanaa fudhachuusaafi wixinee dhaabbileen biyya alaa damee faayinaansiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu bocuusaa eeraniiru.

Hariiroon ummataafi ummataa akkasumas mootummaafi mootummaa biyyoota lamaanii cimsuuf akka hojjetan ambaasaaddar Fayisal dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015