Hojiin baruufi barsiisuu kan bara 2015 har'a jalqabamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

350

Fulbaana 9/2015(TOI) - Hojiin baruufi barsiisuu kan bara 2015 har'a jalqabamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichi sirni baruu fi barsiisuu kan bara 2015 jalqabuu ilaalchisuun ergaa dabarseen Bartoonniifi barsiisoonni akkasuma hawaasni barnootaa baga bara barnootaa 2015 geessaan jedheera.

Hundi keenya baratootaa umuriin isaanii barnootaaf gahan gara mana barnootaatti haa erginus jechuun dhaameera.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti sagantaan adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisuu bara 2015 dhaabbilee barnootaa mootummaa fi dhuunfaa hunda keessatti gaggeeffame.

Sagantaa kanarratti kan argaman Itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxirar Abay magaalaa Finfinneetti bara kana bara haaraatti sirna barnootaa haaraan jalqabuu himaniiru.

Sammuun barate gaara dirree taasisa kan jedhan obbo Jaanxirar rakkoo ammaa nu qoraa joru furuu kan dandeenyu dhaloota sababatti amanuu yoo uumne qofaadha jedhaniiru.

Hoji geggeessaa Kutaa bulchiinsa Haqaaqii Qaallitti gama isaaniin bara barnootaa kana manneen barnootaa 230 kutaa magaalivhaatyi argaman baratoota kuma118 galmeessuun gara baruufi barsiisuutti har'a galameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015