Paarkii Industirii Jimmaa Wiirtuu BunaaQindeessu Gochuuf Hojjetamaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Paarkii Industirii Jimmaa Wiirtuu BunaaQindeessu Gochuuf Hojjetamaa Jira

Ebla 16/2011 Paarkii industirii Jimmaa teeknooloojii fayyadamuun wiirtuu bunaa qindeessu gochuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii beeksiseera.
Buna dhiqamee, akaawwamee, daakamee fi saamsamee xumurame gurgurtaa elektirooniksiin gara biyya alaatti erguu kan dandeesisu qophiin godhamaa kan jiru yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa Chaayinaa dirree kana irratti akka bobba’aniif waamichi dhiyaachuufii Ministeerichi beeksiseera.
Mariin akkaataa buna hojjetamee xumurame Itiyoophiyaa irraa gara biyyoota alaatti erguun danda’amu irratti xiyyeeffate Chaayinaa Beejiingitti gaggeeffamuunis ibsameera.
Marii sadarkaa idil addunyaatti dhaabbileen buna gurguran irratti hirmaatan kanarratti mootummaan Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa dirree kanarratti bobba’aniif deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu koomishinerri Koomishinii Invastimantii Itiyoophiyaa obbo Abbabaa Ababaayyoo dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii Doktar Injiinar Geetaahuun Maakuriyaa gama isaaniitiin hojii dirree qonnaa teeknooloojiin deeggaruun buna gurgurtaa elektiroonikisiin gara biyya alaatti erguu bira darbee gurgurtaa nageenyi isaa eegame gaggeessuuf Teeknooloojii Bilook Cheeyiin jedhamu gara hojiitti galchuuf akka hojjetamu dubbataniiru.
Hirmaatonni marichaas haalli mijataa Itiyoophiyaa jiru maal akka fakkaatu irratti gaaffilee dhiyeessaniif deebiin gahaa kennamuufii odeeffannoon Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii irraa arganne ni mul’isa jechuun OBN gabaaseera.
Madda - OBN