Manni marichaa naanno Affaariif deeggarsa birrii miliyoona 14tti tilmaamamu taasise.

109

Fulbaana 8/2014(TOI) - Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa waantoota gatiin isaanii birrii miliyoona 14 olitti tilmaamamu deeggarsa taasise.

Deeggarsicha naannoo Affaar magaalaa Samaraatti argamuun Pirezidaantii naannichaa obbo Awwal Arbaatti kan dabarsanii kennaan Itti aantuu Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa aadde Loomii Badhooti.

Deeggarsi kunis kafana adda adaa, Paastaa, Zayita nyaataafi Boqqoolloo of keessaa qaba jedhameera.

Aadde Loomii Badhoo Samaraa buufata xiyyaaraa Sulxaan Alimiiraah yoo gahaan pirezidaantii naannichaa dabalatee hoggantoonni olaanoo naannichaafi hawaasni adda adaa simannaa taasisaniifiru.

Aadde Loomii Badhoo akka himanitti deeggarsi kun Dubartoota miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataattiin deeggarsa namoomaa naannichatti lammilee sababa waraanaan buqqa'aanif kan walitti qabanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015