Gareen Faasiil Kilaba Burundii waliin tapha gulaalaa duraa har’a ni adeemsifama

91

Fulbaana 6 /2015 (TOI) Faasiil Kanamaan tapha gulaalaa duraa waancaa konfedereeshinii Afriikaa kilaba Burundii Bumameruu waliin har’a Taanzaaniyaatti ni adeemsisa.

Taphni garee lamaanii Istaadiyeemii kompileeksii Taanzaaniyaa daawwattoota kuma 10 qabatu Azaamitti guyyaa keessaa sa’aatii 10tti ni adeemsifamu.

Istaadiyeemiin Bumaameruun itti taphatu ulaagaa Kaaf waan hin guunneef taphni kun Taanzaaniyaatti akka adeemsifamu murtaa’uun himameera.

Gareen Faasil Kanamaa Qaammee 4bara 2014 Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaardaaritti tapha jalqabaa taasiseen morkataasaa goolii 3 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama.

Haala kanaan marsaa itti aanuuf waan darbeef tapha ga’anii deebi’uu dheengadda gara Daariisalaam deemeera.

Gareen leenjisaa Hayiluu Nagaashiin durfamu kun kaleessa shaakala isa xumuraa Istaadiyeemii kompileeksiiAzaamitti taasiseera.

Kilabiin Burundii Bumaamuruun tapha kanaaf guyyoota darban Taanzaaniyaatti shaakala taasiseera.

Faasiil Kanamaan tapha kana yoo mo’ate marsaa itti aanutti kilaba Taanzaaniyaa Safaaksiyaan waliin ni taphata.

Haala wal fakkaatuun liigii shaampiyoonii bara 2022/23 irratti kan hirmaatu Quddus Goorgis iftaan garee Sudaa Al hilaal waliin tapha taasisuuf tapha deebii har’a gara Sudaan deemeera.

Gareen kun tapha jalqabaa Istaadiyeemii idil addunyaa Baahirdaaritti  taasiseen morkataasaa goolii 2fi 1n mo’achuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015