TOI fi Yunivarsiitiin saayinsiifi teekinoloojii Adaamaa walii galtee mallatteessan

81

Fulbaana 5/2015 TOI)-Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa/TOI/ fi yunivarsiitiin saayinsiifi teekinooloojii Adaamaa tajaajila miidiyaa dabalatee waan hedduu waliin hojjechuuf walii galtee mallatteessan.

Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa ob> seefee Darribeefi pirezidaantiin saayinsiifi teekinolojii doktar Lammii Guutaa walii galtee kana mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin dhaabbileen lamaan gama ijaarsa dandeettii, pirokektii waliin bocuu, tajaajila miidiyaafi uwwisa miidiyaa, yaa’ii qopheessuufi hojiiwwan qorannoo waliin ni hojjetu.

Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’eefi erga hundeeffamee waggaa 80 kan guute tajaajilli oduu Itiyoophiyaa kompileeksii miidiyaa ammayyaa ijaarsisee Istuudiyoowwan televijinii 4 fi kan raadiyoo 3 hojii jalqabsiisuuf hojjechaa akka jiru ob. Seefeen ibsaniiru.

Waliigaltee kana hojiitti hiikuuf karoorri dandeessisus mallatteeffamuusaa hubachiisaniiru.

Yunivarsiitiin saayinsiifi teekinooloojii Adaamaa human namaa Itiyoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisu horachaa kan jiru yoo ta’u, TOIn hojii kana gama ogummaatiin deeggaruu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015