Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa dhimma hidha haaromsaarratti Inger Andarsan waliin mari’atan

79

Fulbaana  5 2015 (TOI) --- Ameerikaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaa dhimma hidha haaromsaarratti gamtaa mootummoota walta’aniitti daarektara sagantaa eegumsa naannoo Inger Andarsan waliin mari’ataniiru.

Mariin kun marii qaamolee sadanii dabalatee dhimmoota addaddaa kan of keessaa qabu ta’uun beekameera.

Ambaasaaddar Silashiin daareektara olasantuu dabalatee gargaaraa barressaa olaanaa mootummoota gamtoomanii waliin mariifi ijaarsi hidha haaromsaasadarkaa irra jiru, misooma fuulduraafi laga Naayil ilaalchisuun mari’achuusaanii  ibsaniiru.

Kana malees Ambaasaaddar Silashiin miseensa kongirasii Ameerikaa Harooldi Daalaas Roojers/ kentaanii/ waliin mari’achuusaanii himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun wixinee seeraa HR 6600 irrattis mari’achuusaaii dubbataniiru.

Fayyadamummaa ‘AGOWAA’ akkasumas waraana ABUT baneefi haleellaa Itiyoophiyaarratti raawwachaa jiru irrattis ibsa kennuusaanii dubbataniiru.

Mootummaa Itiyoophiyaa filannoo ummataatiin aanngoo qabateef Ameerikaan deeggarsa akka taasiftu waamicha taasisuusaanii Ambaasaaddar Silashiinfuula tiwiitarii isaaniirratti ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015