Gareen shororkeessaa ABUT dheebuu aangoo isaa guuttachuuf jecha marfamtaniittu jechuun daraggoota Tigiraay waraanatti naqee ficisiisaa jira - Booji'amtoota

96

Fulbaana 3/2015(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT dheebuu aangoo isaa guuttachuuf jecha marfamtaniittu jechuun daraggoota Tigiraay waraanatti naqee ficisiisaa jira jedhan booji'amtoonni.

Adda waraanaa Lixaarratti kan booji'ame Amaroom Waldamikaa'eel Garichi Uummanni Tigiraay diinaan marfamteettaa waan ta'eef bilisa ba'uu kan dandeessuu qabsooftee yoo injifatte qofaadha yaada dogogoraa jedhuun daa'iimmaanfi manguddoonni osoo hin hafiin adda waraanatti hirmaachisuun ficisiisaa jira jechuun TOItti himeera.

Aangoo garichaa tiksuuf jecha dargaggoonni waraanatti galan karaa nagaan Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka isaanii laachuun lubbuu isaanii baraarrachuu akka qaban himeera.

Umuriin ishee waggaa 17 kan ta'e Masarat Takilaay gama isheen dheebuu aangoo hoggantoota ABUT muraasaaf jecha uummanni Tigiraay waraanaan dhumaa jira jeteetti.

Dargaggoota dirqamaan waraanatti galchuun ficisiisaa jiraachuu himitee, isheenis dirqamaan gara waraanaatti kan galte ta'uu himuun karaa nagaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti meeshaa waraanaa qabattee jirtu guutuu qabattee harka akka laatte himteetti.

Ani carra qabeettidha,dargaggoonniifi daa'imman hedduun waraanarratti dhumaniiru jeteetti.

Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni nageenyaa biroon tarkaanfii waan sinirratti fudhatuuf harka hin laatiinaa jedhamaa akka turanis himteetti.

Ta'uus garuu erga harka laatanii akka isaan jedhan osoo hin taane kununsi isaan hin eegne taasisamuufi himteetti.

Gareen shororkeessaa ABUT dargaggoota mana barnootarraa dirqamaan gara waraanaatti galchuun abdiin daraggoota hedduu akka dukkanaa'uu taasiseera kan jette immoo daraggoo waggaa 20 Atsadee Waldamikaa'eelidha.

Barnoota ishee adda kutuun gara Tigiraayitti akka galte kan himtu Atsadeen, waraanichaan dargaggoonni dhumaa jiru jeteetti.

Karaa nagaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka laachuu isheen labbuun hafuucheetti akka carra qabeetti taate himtee, daraggoonni biroonis karaa nagaa raayyaa ittisa biyyaatti harka laachuun lubbuu isaanii akka oolfatan dhaamteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015