Sirni waadaa galu Pirezidaantii Keeniyaa haaraa filatamanii doktar Wiiliyaam Ruuttoo geggeeffama jira.

79

Fulbaana 3/2014(TOI) - Sirni waadaa galu Pirezidaantii Keeniyaa haaraa Filatamanii doktar Wiiliyaam Ruuttoo Istaadeemii Kasaraniitti geggeeffama jira.

Pireezidaantii haaraa Keeniyaa filannoo dhiheenya Keeniyaatti geggeeffameen filaman kun pirezidaantii biyyatti 5ffaa ta'uun guyyaa har'aa waadaa ni galu jedhamee eeggama.

Sirna waadaa galuu kanarratti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota adda addaa argamaniiru.

Pireezidaantiin Keeniyaa duraanii Uuruu keeniyaataa sirna kanarratti kan argaman yoo ta'u dorgomaan doktar Wiiliyaam Ruuttoo Riyaalaa Odiingaa garuu akka sagantaa kanarratti hin argamne beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Istaadeemiin sirni waadaa galuu Doktar Wiiliyaam Ruuttoo itti geggeeffamu uummataan waan guuteef uummanni mana isaa ta'ee akka karaa miidiyaalee hordofu Tajaajilli Poolisii biyyaaleessaa Keeniyaa waamicha taasiseera.

Ta'uus uummanni hedduun mooraa istaademichaa ala dhaabbachaa jiraachuu Neshiin gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015