Jiddu galeessi yaala ijaa ammayyaa baasii birrii miiliyoona 461n hospitaala Minilik keessatti ijaarame tajaajilaaf oole

80

Fulbaana 02/ 2015 (TOI) --- Jiddu galeessi yaala ijaa ammayyaa hospitaala kompireensiivii ispeeshaalaayizdii Minilik keessatti baasii birrii miiliyoona 461n ijaarame tajaajilaaf banaa ta'eera,+

Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee giddu galeessichi hojii eegaluu ilaalchisanii ergaa dabarsaniin, bulchiinsi magaalaa Finfinnee rakkoo tajaajila yaala ijaa akka biyyaatti jiru fooyyessuuf kutannoon hojjetaa turuu ibsaniiru.

Jiddu galeessi yaala ijaa kun akka biyyaatti isa guddaafi kan ammayyaa ta'uu ibsuun, tajaajila yaala ijaa akka guutuu biyyaatti kan si'eessu ta'uu dubbataniiru.

Jiddu galeessi kun tajaajila yaalaa ijaa gamoo tokko keessatti kan kennu yoo ta'u, kutaa deddeebi'anii itti yaalaman 8 keessatti yaala kennamaa ture gara 3kutaa 3tti akka guddise ibsaniiru.

Kanaan dura galma lama keessatti siree 40 qofa kan qabu yoo ta'u, amma garuu sireewwan sadarkaa isaanii eeggatan 120 akka qabu dubbataniiru.

Kutaaleen baqaqsanii hodhuuf oolan 4 irraa gara saddetitti guddataniiru jedhameera.

Ispeeshaaliitiiwwan ijaa 6 kiliknikii isaaniitti tajaajila kennuu akka danda'an eeranii, tajaajila yaala ijaaf beellama dheera kan hanbisu, bu'aa bayiis kan hir'isan ta'uun beekameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalaatti jiddu gala tuurizimii yaalaa taasisuuf tajaajila fayyaa hundumaaf kennuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu adde Adaanech beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015