Finfinneetti giddugalli wal’aansa ijaa Birri miiliyoona 461 ijaarame tajaajila eegale

57

Fulbaana 2/2015 (TOI) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hospitaalaa Minilikitti Birri miiliyoona 461'n giddugalli wal’aansa ijaa ijaarame eebbifamee tajaajila eegaleera.

Sirnaa eebbichaarratti Kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsaniiti, giddugalichi magaalattii qofaaf utuu hintaane sadarkaa biyyaalessatti wal’aansa ijaa fi waliin gahiinsaa tajaajilichaa saffisaan kan guddisuudha.

Giddugalichi tajaajila wal’aansa dhibee ijaa mara bakka tokkotti kan kennuu yoo ta’u, ga’umsa wal’aansa ijaa haalaa guddisuu danda’uun giddugalichi gurmaa’uu ibsaniiru.

Tajaajila giddugalichatti kennamuun beellamaa yeroo dheeraa fi deddeebii wal’aanamtootaa kan hambisu ta’uun eerameera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, magaalattii giddugala tuuriizimii wal’aansaa taasisuuf tajaajila fayyaa saffisaa fi madaalawaa waliin gahuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015